2 Kings 15:33-38
33Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Maqaan haadha isaa Yaruusaa ture; isheenis intala Zaadoq turte. 34Innis akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete. 35Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture. Namoonnis ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa ixaanas achitti aarsaa turan. Yootaam Karra mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Ol aanu deebisee ijaare. 36Wantoonni bara mootummaa Yootaam keessaa hojjetaman kanneen biraatii fi wantoonni inni hojjete kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii? 37Bara sana keessa Waaqayyo Reziin mooticha Sooriyaatii fi Pheqaa ilma Remaaliyaa Yihuudaatti kakaasuu jalqabe. 38Yootaam abbootii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit, magaalaa abbaa isaa keessatti isaanuma biratti ni awwaalame. Ilmi isaa Aahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Copyright information for
GazHAHl