‏ 2 Kings 18:2-4

2Inni Yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal bulche. Maqaan haadha isaa Abiiyaa ture; isheenis intala Zakkaariyaas. 3Innis akkuma Daawit abbaan isaa godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjete. 4Inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa diige; dhagaawwan waaqeffannaa caccabsee siidaawwan Aasheeraa illee burkuteesse. Sababii Israaʼeloonni hamma bara sanaatti ixaana aarsaafii turaniif inni fakkii bofaa kan Museen naasii irraa hojjete sana illee ni caccabse. Fakkiin bofaa sun Nehushtaan jedhamee waamama ture.
Copyright information for GazHAHl