‏ 2 Kings 23:21-23

21Mootichis, “Akkuma Kitaaba Kakuu kana keessatti barreeffame sanatti Waaqayyo Waaqa keessaniif Faasiikaa ayyaaneffadhaa” jedhee saba hunda ajaje. 22Bara abbootii murtii kanneen Israaʼelin bulchaa turaniitii jalqabee yookaan bara mootota Israaʼel hunda keessa yookaan Yihuudaa keessa Faasiikaan akkasii takkumaa ayyaaneffamee hin beeku. 23Garuu bara Yosiyaas mootichaa keessa waggaa kudha saddeettaffaatti Faasiikaan kun Yerusaalemitti Waaqayyoof ayyaaneffamaa ture.
Copyright information for GazHAHl