‏ 2 Kings 23:31-34

Yehooʼaahaaz Mooticha Yihuudaa

23:31‑34 kwf – 2Sn 36:2‑4

31Yehooʼaahaazis yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii sadii ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan Libnaadhaa dhuftee turte. 32Innis akkuma abbootiin isaa hojjetan sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. 33Akka inni Yerusaalem keessa taaʼee hin bulchineef Faraʼoon Nekkoon Hamaati keessatti Riiblaati foncaan isa hidhee Yihuudaa irrattis gibira meetii taalaantii
Taalaantiin tokko kiiloo giraamii 34.
dhibba tokkoo fi warqee taalaantii tokko mure.
34Faraʼoon Nekkoon Eliiyaaqiim ilma Yosiyaas mootichaa iddoo Yosiyaas iddoo abbaa isaa buusee mootii godhe; maqaa Eliiyaaqiimis geeddaree Yehooyaaqiim jedheen. Yehooʼaahaazin garuu fuudhee Gibxitti geesse; innis achitti duʼe.
Copyright information for GazHAHl