‏ 2 Kings 21

Minaasee Mooticha Yihuudaa

21:1‑10 kwf – 2Sn 33:1‑10

21:17‑18 kwf – 2Sn 33:18‑20

1Minaaseen yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii shan bulche. Maqaan haadha isaa Hefziibaa ture. 2Innis waan jibbisiisaa saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. 3Inni iddoowwan sagadaa kanneen abbaan isaa Hisqiyaas diigee ture sana illee deebisee ni ijaare; akkasumas akkuma Ahaab mootichi Israaʼel godhe sana Baʼaaliif iddoowwan aarsaa tolchee siidaa Aasheeraas ni dhaabe. Raayyaawwan samii hundaafis ni sagade; isaan waaqeffates. 4Innis mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Waaqayyo, “Ani Maqaa koo Yerusaalem keessa nan dhaaba” jedhee waaʼee isaa dubbate sana keessatti iddoowwan aarsaa tolche. 5Oobdiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo lamaanuu keessattis raayyaawwan samii hundaaf iddoowwan aarsaa ni tolche. 6Inni ilma ofii isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolcha hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula Waaqayyoo duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase.

7Innis fakkii Asheeraa kan soofee hojjete sana fuudhee mana qulqullummaa kan Waaqayyo akkana jedhee waaʼee isaa Daawitii fi ilma isaa Solomoonii dubbatee ture sana keessa kaaʼe; “Mana qulqullummaa kana keessaa fi Yerusaalem ishee ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadhe sana keessa Maqaa koo bara baraan nan dhaaba. 8Yoo isaan waan ani isaan ajaje hunda hojjetanii Seera garbichi koo Museen isaaniif kenne guutuu eegan, ani siʼachi akka miilli Israaʼelootaa biyya ani abbootii isaaniitiif kenne keessaa baʼee jooru hin godhu.” 9Namoonni garuu hin dhaggeeffanne. Minaaseen karaa irraa isaan jalʼise; kanaafuu isaan saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa balleesse sana caalaa hammina hojjetan.

10 Waaqayyo karaa garboota isaa raajotaatiin akkana jedhee dubbate; 11“Minaaseen mootichi Yihuudaa cubbuu jibbisiisaa kanneen hojjeteera. Innis Amoorota isaan dura jiraatan caalaa waan hamaa hojjete; waaqota tolfamoo isaatiinis Yihuudaa cubbuu hojjechiise. 12Kanaafuu Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani waan hamaa nama isa dhagaʼu hunda suukaneessu tokko Yerusaalemii fi Yihuudaatti nan fida. 13Ani funyoo Samaariyaatii fi tumbii mana Ahaab sana Yerusaalem irratti nan diriirsa. Akkuma namni caabii haxaaʼee gad gombisutti ani Yerusaalemin haxaaʼee nan gombisa. 14Ani hambaa dhaala koo dhiisee harka diinota isaaniitti dabarsee nan kenna. Isaanis diinota isaanii hundaan ni saamamu; ni boojiʼamus. 15Isaan gaafa abbootiin isaanii Gibxii baʼanii jalqabee hamma harʼaatti fuula koo duratti waan hamaa hojjechuudhaan dheekkamsaaf na kakaasaniiruutii.”

16Kana caalaas Minaaseen akka warri Yihuudaa fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan godhee cubbuu isaan hojjechiisuu isaa irra iyyuu dhiiga namoota balleessaa hin qabnee baayʼee dhangalaasee akka Yerusaalem daangaa tokkoo hamma daangaa kaaniitti dhiigaan guutamtu godheera.

17Wantoonni bara mootummaa Minaasee keessa hojjetaman kanneen biraa, wanni inni hojjete hundi, cubbuu inni hojjete dabalatee seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? 18Minaaseen abbootii isaa wajjin boqotee iddoo biqiltuu masaraa mootummaa isaa keessatti, iddoo biqiltuu Uzaa keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Aamoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

Aamoon Mooticha Yihuudaa

21:19‑24 kwf – 2Sn 33:21‑25

19Aamoon yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lama bulche. Maqaan haadha isaa Meshulemet ture; isheenis intala Haaruus nama biyya Yoxbaa turte. 20Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen hojjetee ture sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. 21Innis karaa abbaa isaa hunda irra deeme; waaqota tolfamoo abbaan isaa waaqeffate illee waaqeffatee isaaniifis sagade. 22Inni Waaqayyo Waaqa abbootii isaa dhiise; karaa Waaqayyoo irras hin deemne.

23Qondaaltonni Aamoon isatti mariʼatanii masaruma mootummaa isaa keessatti mooticha ni ajjeesan. 24Kana irratti namoonni biyya sanaa warra Aamoon mootichatti malatan hunda fixanii ilma isaa Yosiyaasin immoo iddoo isaa mootii godhatan.

25Wanni bara mootummaa Aamoon keessa hojjetame kan biraa, wanni inni hojjetes kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii? 26Innis awwaala isaa kan iddoo biqiltuu Uzaa keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Yosiyaasis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Copyright information for GazHAHl