2 Kings 24
1Bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa Nebukadnezar mootichi Baabilon biyya sana ni weerare; Yehooyaaqiimis waggaa sadii isaaf garboome. Ergasii garuu yaada geeddaratee Nebukadnezaritti fincile. 2Waaqayyos saamtota Baabilon, saamtota Sooriyaa, saamtota Moʼaabii fi saamtota Amoon isatti erge. Innis akkuma dubbii Waaqayyoo kan garboonni isaa raajonni dubbatan sanaatti Yihuudaa balleessuudhaaf isaan erge. 3Dhugumaan wanni kun sababii cubbuu Minaaseetii fi waan inni hojjete hundaatiif fuula isaa duraa isaan balleessuudhaaf akkuma ajaja Waaqayyootti Yihuudaatti dhufe; 4akkasumas sababii inni dhiiga namoota yakka hin qabnee dhangalaasee fi sababii inni dhiiga namoota yakka hin qabneetiin Yerusaalemin guuteef Waaqayyo dhiisuufii hin barbaanne. 5Wantoonni bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? 6Yehooyaaqiim abbootii isaa wajjin ni boqote. Ilmi isaa Yehooyaakiin iddoo isaa buʼee mootii taʼe. 7Sababii mootichi Baabilon biyya isaa hunda, Malkaa Gibxii jalqabee hamma Laga Efraaxiisitti qabateef mootiin Gibxi lammata duulaaf biyya isaatii hin baane.Yehooyaakiin Mooticha Yihuudaa
24:8‑17 kwf – 2Sn 36:9‑10
8Yehooyaakiin yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa kudha saddeet ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche. Maqaan haadha isaa Nehushtaa ture; isheenis intala Elnaataan namicha Yerusaalem sanaa ti. 9Innis akkuma abbaan isaa hojjete sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. 10Yeruma sanatti loltoonni Nebukadnezar mooticha Baabilon Yerusaalemitti duulanii ishee ni marsan; 11utuma ajajjoonni loltoota isaa ishee marsaa jiranuu Nebukadnezar mataan isaa gara magaalattii ni dhufe. 12Yehooyaakiin mootichi Yihuudaa, haati isaa, garboonni isaa, namoonni isaa bebeekamoonii fi qondaaltonni isaa hundinuu mootii Baabilonitti harka kennatan. Mootiin Baabilonis mooʼee waggaa saddeettaffaatti Yehooyaakiinin boojiʼee ni fudhate. 13Nebukadnezaris akkuma Waaqayyo dubbatee ture sanatti qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa keessa ture hunda ni fudhate; miʼa warqee kan Solomoon mootichi Israaʼel mana qulqullummaa Waaqayyootiif tolche hunda isaa immoo caccabse. 14Inni warra Yerusaalem keessa jiraatan hunda ajajjoota waraanaatii fi loltoota hunda, warra ogummaa hojii harkaa qabanii fi warra sibiila tuman hunda walumatti nama kuma kudhan boojiʼee ni fudhate. Namoota akka malee hiyyeeyyii qofatu biyya sanatti hafe. 15Nebukadnezar Yehooyaakiinin boojiʼee Baabilonitti ni geesse. Akkasumas haadha mootichaa, niitota isaa, qondaaltota isaatii fi namoota biyya sanaa bebbeekamoo boojiʼee Yerusaalemii gara Baabilonitti ni geesse. 16Kana malees mootichi Baabilon humna waraanaa guutuu kan nama kuma torba of keessaa qabu, warra ogummaa hojii harkaa qabanii fi warra sibiila tuman kuma tokko boojiʼee Baabilonitti ni geesse; isaan kunneen hundi jajjaboo fi warra lola dandaʼan turan. 17Innis Mataaniyaa eessuma Yehooyaakiin sana iddoo isaa mootii godhe; maqaa isaas Zedeqiyaatti ni geeddare.Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaa
24:18‑20 kwf – 2Sn 36:11‑16; Erm 52:1‑3
18Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan magaalaa Libnaatii dhufte turte. 19Innis akkuma Yehooyaaqiim hojjete sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa ni hojjete. 20Wanni kun hundi sababii dheekkamsa Waaqayyootiif Yerusaalemii fi Yihuudaa irra gaʼe; dhuma irrattis inni fuula isaa duraa isaan balleesse.Kufaatii Yerusaalem
25:1‑12 kwf – Erm 39:1‑10
25:1‑21 kwf – 2Sn 36:17‑20; Erm 52:4‑27
25:22‑26 kwf – Erm 40:7‑9; 41:1‑3,16‑18
Zedeqiyaa mooticha Baabilonitti fincile.
Copyright information for
GazHAHl