‏ 2 Samuel 13

Amnoonii fi Taamaar

1Yeroo tokko Amnoon ilmi Daawit Taamaarin jaallate; isheen akka malee bareedduu, obboleettii Abesaaloom ilma Daawit sanaa turte.

2Amnoon sababii jaalala obboleettii isaa Taamaariitiif akka malee dhiphatee dhibame; sababii isheen durba turteef Amnoon waan waanuma tokko illee ishee gochuu dandaʼu hin seene.

3Amnoon michuu akka malee jalʼaa kan Yoonaadaab jedhamu tokko qaba ture; Yoonaadaab ilma Shimeʼaa obboleessa Daawit. 4Yoonaadaabis Amnooniin, “Yaa ilma mootii, dhagni kee maaliif guyyuma guyyaan huqqachaa deema? Ati natti hin himtuu?” jedhee gaafate.

Amnoon immoo, “Ani Taamaar obboleettii Abesaaloom obboleessa kootii jaalladheera” isaan jedhe.

5Yehoonaadaabis, “Sobiitii akka nama dhukkubsateetti siree irra ciisi; yommuu abbaan kee si gaafachuu dhufutti, ‘Akka ani harka isheetii nyaadhuuf akka obboleettiin koo Taamaar dhuftee fuula koo duratti nyaata naa qopheessitu nan barbaada’ jedhiin” jedhe.

6Kanaafuu Amnoon sobee akka nama dhukkubsate tokkootti ciise. Yommuu mootichi isa gaafachuu dhufettis Amnoon, “Akka obboleettiin koo Taamaar dhuftee fuula koo duratti nyaata addaa naaf qopheessitee nyaadhu nan barbaada” jedheen.

7Daawitis gara manaatti Taamaaritti nama ergee, “Gara mana obboleessa kee Amnoon dhaqiitii waan inni nyaatu qopheessiif” jedhe. 8Kanaafuu Taamaar kaatee gara mana obboleessa ishee Amnoon kan ciisee ture sanaa dhaqxe. Daakuu xinnoo ishee fuutee bukeessitee fuula isaa duratti tolchite. 9Ergasiis buddeena tolchite sana eelee irraa fuutee dhiʼeessiteef; inni garuu nyaachuu dide.

Amnoon, “Nama hunda narraa baasaa” jedhe. Kanaafuu namni hundi isa biraa baʼe.
10Ergasiis Amnoon Taamaariin, “Akka ani harka kee irraa nyaadhuuf buddeenicha kutaa ani ciisutti naa fidi” jedhe. Taamaaris buddeena qopheessite sana fuutee Amnoon obboleessa isheetiif lafa inni ciisetti geessite. 11Inni garuu yommuu isheen nyaata dhiʼeessiteefitti humnaan ishee qabatee, “Yaa obboleettii ko, kottuu na wajjin ciisi” jedheen.

12Isheen immoo deebiftee akkana jetteen; “Yaa obboleessa ko, waan kana hin godhin! Na hin dirqisiisin. Wanni fokkisaan akkasii Israaʼel keessatti hojjetamuu hin qabu! Ati waan hamaa kana hin godhin. 13Ani maalan taʼa? Salphina koos baadhee eessan dhaqa? Ati hoo? Atis Israaʼel keessatti akka gowwaa hamaa tokkootti ilaalamuu kee ti mitii? Maaloo mootichatti himadhu; inni sitti heerumuu na hin dhowwuutii.” 14Inni garuu ishee dhagaʼuu dide; waan ishee caalaa jabaa taʼeefis humnaan ishee gudeede.

15Ergasii Amnoon jibba guddaa ishee jibbe; dhugumaan hamma dur ishee jaallate caalaa ishee jibbe. Amnoonis, “Kaʼiitii baʼii deemi!” isheen jedhe.

16Isheen immoo, “Hin taʼu! Na ariʼuun kee yakka ati duraan natti hojjette caalaa hammaata” jetteen.

Inni garuu ishee dhagaʼuu dide.
17Tajaajilaa ofii isaas waamee, “Dubartii kana narraa baasiitii balbala itti cufi” jedheen. 18Tajaajilaan isaa sunis gad ishee baasee balbala itti cufe. Isheen uffata faaya adda addaatiin miidhagfame uffattee turte; intallan mootii kanneen dubarran qulqulluu taʼan uffata akkasii uffatu tureetii. 19Taamaaris mataa isheetti daaraa firfirfattee wandaboo ishee dheeraa faayawwaniin miidhagfame sana tarsaafte. Harka ishees mataa irra kaaʼattee sagalee ol fudhattee booʼaa deemte.

20Abesaaloom obboleessi ishee, “Amnoon obboleessi kee si wajjin turee? Yaa obboleettii ko, calʼisi; inni obboleessuma kee ti. Waan kana garaatti hin qabatin” jedheen. Taamaaris kophaa ishee mana obboleessa ishee mana Abesaaloom jiraatte.

21Daawit mootichi yommuu waan kana hunda dhagaʼetti baayʼee aare. 22Abesaaloom dubbii tolaa yookaan hamaa tokko illee Amnoonitti hin dubbanne; Abesaaloom sababii inni obboleettii isaa Taamaarin salphiseef akka malee Amnoonin jibbee ture.

Abesaaloom Amnoonin Ajjeese

23Waggaa lamaa booddee warri hoolota Abesaaloom irraa rifeensa haadan magaalaa Baʼaal Hasoor kan Efreem biratti argamu sana keessa turan; innis akka isaan achi dhaqaniif ilmaan mootii hunda waame. 24Abesaaloomis gara mootichaa dhaqee, “Namoonni hoolota garbicha keetii irraa rifeensa haadan dhufaniiru. Maaloo mootichii fi qondaaltonni isaa garbicha kee wajjin haa deeman” jedhee kadhate.

25Mootichi immoo deebisee, “Lakki yaa ilma ko, nu hundinuu deemuu hin qabnu; nu baʼaa qofa sitti taanaa” jedheen. Abesaaloom jabeessee isa kadhatu iyyuu inni isa eebbise malee isa faana hin deemne.

26Abesaaloomis, “Yoo taʼuu baate, maaloo obboleessi koo Amnoon nu wajjin haa deemu” jedhe.

Mootichi immoo, “Inni maaliif si wajjin deema?” jedhee gaafate.
27Abesaaloom garuu jabeessee isa kadhate; kanaafuu inni Amnoonii fi ilmaan mootichaa kaan isa wajjin erge.

28Abesaaloom akkana jedhee namoota isaa ajaje; “Dhagaʼaa! Yommuu Amnoon daadhii wayinii dhugee machaaʼutti ani, ‘Amnoonin dhaʼaa’ isiniin jedha; isinis yommuu suma isa ajjeesaa. Hin sodaatinaa. Anatu ajaja kana isinii kenne mitii? Jabaadhaa; jagnoomaas.” 29Kanaafuu namoonni Abesaaloom waanuma Abesaaloom isaan ajaje sana Amnoonitti hojjetan. Ilmaan mootichaa hundinuus kaʼanii gaangolii isaanii yaabbatanii baqatan.

30Utuu isaan karaa irra jiranuu oduun, “Abesaaloom ilmaan mootichaa hunda fixeera; tokkoon isaanii iyyuu hin hafne” jedhu Daawit qaqqabe. 31Mootichis ol kaʼee uffata isaa tarsaasee lafa ciise; tajaajiltoonni isaa kanneen isa bira dhadhaabatanii turan hundinuus uffata isaanii tatarsaasan.

32Yoonaadaab ilmi Shimeʼaa ilmi obboleessa Daawit sun garuu akkana jedhe; “Gooftaan koo waan isaan ilmaan mootichaa hunda fixan hin seʼin; Amnoon qofatu duʼe. Kunis waan Abesaaloom erga Amnoon obboleettii isaa Taamaarin humnaan gudeedee jalqabee itti yaadaa turee dha. 33Gooftaan koo mootichi waaʼee oduu ilmaan mootichaa hundi ajjeefamaniiru jedhu sanaa hin yaaddaʼin; Amnoon qofatu duʼe.”

34Yeroo kanatti Abesaaloom baqateera.

Namichi eegumsaaf dhaabatee tures ol jedhee ilaalee namoota baayʼee daandii Horonaayim kan gaara cina baʼu irra dhufaa jiran arge. Namichi sunis dhaqee, “Ani karaa Horonaayim, cina gaaraatti namoota nan arga” jedhee mootichatti hime.

35Yoonaadaabis mootichaan, “Kunoo, ilmaan mootichaa dhufanii jiru; wanni kun akkuma garbichi kee jedhe taʼe” jedhe.

36Akkuma inni dubbatee fixateen ilmaan mootichaa sagalee guddaadhaan booʼaa ol galan. Mootichii fi tajaajiltoonni isaa hundinuus hiqqifatanii booʼan.

37Abesaaloom garuu baqatee gara ilma Amiihuud, gara Talmaay mooticha Geshuur sanaa dhaqe. Daawit immoo guyyaa hunda ilma isaatiif ni booʼa ture.

38Abesaaloom erga baqatee Geshuur dhaqee booddee waggaa sadii achi ture. 39Mootichis duʼa Amnoon irraa jajjabaannaan gara Abesaaloom dhaquuf garaan isaa kakaʼe.
Copyright information for GazHAHl