‏ 2 Samuel 3:2-5

2Daawit Kebroonitti ijoollee dhalche; isaanis:

Inni hangafni Amnoon isa Ahiinooʼam Yizriʼeelittiin deessee dha;
3inni lammaffaan Kiliʼaab ilma Abiigayiil isheen Naabaal namichi biyya Qarmeloos irraa duʼe sun deessee dha;
sadaffaan Abesaaloom ilma Maʼakaa kan intalli Talmaayi mooticha Geshuur sun deessee dha;
4afuraffaan Adooniyaa ilma Hagiit;
shanaffaan Shefaaxiyaa ilma Abiixaal;
5jaʼaffaan Yitreʼaam ilma Eglaa niitiin Daawit deessee dha.

Isaan kunneen Kebroonitti Daawitiif dhalatan.
Copyright information for GazHAHl