‏ 2 Samuel 9

Daawitii fi Mefiiboostee

1Daawitis, “Akka ani Yoonaataaniif jedhee arjummaa isaaf godhu namni maatii Saaʼol keessaa hafe amma jiraa?” jedhee gaafate.

2Yeroo sanatti namicha Ziibaa jedhamu tajaajilaa mana Saaʼol tokkotu ture. Innis akka fuula Daawit duratti dhiʼaatuuf waamame; mootichis, “Ati Ziibaadhaa?” jedheen.

Innis, “Eeyyee, ana garbicha kee ti” jedhe.

3Mootichis, “Akka ani arjummaa Waaqaa isaaf godhuuf namni maatii Saaʼol keessaa hafe tokko iyyuu hin jiruu?” jedhee gaafate.

Ziibaa, “Ilmi Yoonaataan tokko jira; miilli isaa lachuus naafa” jedhee mootichaaf deebise.

4Mootichis, “Inni eessa jira?” jedhee gaafate.

Ziibaan deebisee, “Inni iddoo Lodebaar jedhamu mana Maakiir ilma Amiiʼeel jira” jedhe.

5Kanaafuu Daawit mootichi nama ergee Lodebaar mana Maakiir ilma Amiiʼeeliitii isa fichisiise.

6Mefiibooshet ilmi Yoonaataan, ilmi Saaʼol yeroo Daawit bira dhufetti ulfina isaaf kennuuf gad jedhe sagadeef.

Daawit immoo, “Mefiiboostee!” jedheen.

Innis, “Garbichi kee kunoo ti” jedhee deebiseef.

7Daawitis, “Ani abbaa kee Yoonaataaniif jedhee arjummaa siifin godhaatii hin sodaatin. Ani lafa akaakayyuu keetii, lafa Saaʼol hunda siifin deebisa; atis yeroo hunda maaddii koo irraa nyaatta” jedheen.

8Mefiibooshetis harka fuudhee, “Ana garbicha kee nama akka saree duʼeetti ilaalamuuf waan kana gochuun kee maaliif?” jedheen.

9Mootichis Ziibaa garbicha Saaʼol ofitti waamee akkana jedheen; “Ani ilma ilma gooftaa keetiitiif, waan kan Saaʼolii fi kan maatii isaa taʼe hunda kenneera. 10Ati, Ilmaan keetii fi tajaajiltoonni kee akka ilmi ilma gooftaa keetii waan nyaatu argatuuf lafa isaaf qotuu qabdu. Mefiibooshet ilmi ilma gooftaa keetiis yeroo hunda maaddii koo irraa nyaata.” Ziibaan ilmaan kudha shanii fi tajaajiltoota digdama qaba ture.

11Ziibaanis mootichaan, “Ani garbichi kee waan gooftaan koo mootichi akka ani hojjedhuuf na ajaju hunda nan godha” jedhe. Kanaafuu Mefiibooshet akkuma ilmaan mootii keessaa nama tokkootti maaddii Daawit irraa nyaata ture.

12Mefiibooshet ilma dargaggeessa Miikaa jedhamu tokko qaba ture; warri mana Ziibaa jiraatan hundi hojjettoota Mefiiboostee turan. 13Mefiibooshetis sababii yeroo hunda maaddii mootii irraa nyaachaa tureef Yerusaalem keessa jiraata ture; miilli isaa lachuu naafa ture.
Copyright information for GazHAHl