2 Timothy 3
Waan Guyyoota Dhumaa Keessa Taʼu
1Garuu guyyoota dhumaa keessa yeroon rakkinaa akka dhufu hubadhu. 2Namoonni of jaallattoota, jaallattoota maallaqaa, of jajjoota, of tuultota, warra Waaqa arrabsan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamne, warra hin galateeffanne, warra qulqullummaa hin qabne, 3warra jaalala hin qabne, warra dhiifama hin goone, warra maqaa nama balleessan, warra of hin qabne, gara jabeeyyii, warra waan gaarii hin jaallanne, 4gantoota, warra akka malee jarjaran, warra of bokoksan, warra Waaqa jaallachuu irra waan isaan gammachiisu jaallatan ni taʼu; 5warra Waaqaaf bulan ni fakkaatu; garuu humna isaa ni ganu. Ati warra akkasii irraa fagaadhu. 6Isaan warra manneen seenuudhaan dubartoota dadhaboo warra cubbuun isaan irra tuulamee fi warra hawwii gosa hundaatiin asii fi achi raafaman boojiʼanii dha; 7dubartoonni kunneen yeroo hunda ni baratu; garuu gonkumaa dhugaa beekuutti dhufuu hin dandaʼan. 8Akkuma Yaaneesii fi Yaambirees Museen morman sana namoonni qalbiin isaanii badee waaʼee amantiitti fudhatama dhaban kunneenis dhugaadhaan ni mormu. 9Taʼus gowwummaan isaanii waan akkuma namoota sanaa nama hunda biratti ifatti baʼuuf isaan fagoo hin deeman.Gorsa Xiimotewosiif Kenname Kan Dhumaa
10Ati garuu barsiisa ko, haala jireenya koo, kaayyoo koo, amantii koo, obsa koo, jaalala koo, jabaadhee dhaabachuu koo hundumaa duukaa buuteerta; 11ariʼatamuu koo, rakkina kootii fi waan Anxookiiyaatti, Iqooniyoonii fi Lisxiraanitti narra gaʼe, ariʼatama garaa garaa kan ani obsaan keessa darbes duukaa buuteerta. Gooftaan garuu waan kana hunda jalaa na baase. 12Dhugumaanuu namni Kiristoos Yesuusiin nama Waaqaa taʼee jiraachuu barbaadu kam iyyuu ni ariʼatama; 13namoonni hamoonii fi gowwoomsitoonni garuu nama gowwoomsaa, of illee gowwoomfamaa hamminaan ittuma caalaa deemu. 14Ati garuu waan barattee fi waan hubatte sanatti jabaadhu; eenyu irraa akka baratte beektaatii; 15akkasumas ati ijoollummaa keetii jalqabdee Katabbiiwwan Qulqulluu kanneen waaʼee fayyina karaa Kiristoos Yesuusitti amanuutiin argamu sanaaf ogeessa si taasisuu dandaʼan akkamitti akka baratte ni beekta. 16Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; 17kunis akka namni Waaqaa hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.
Copyright information for
GazHAHl