Amos 2
1Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Moʼaab sadiif,afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.
Sababii inni lafee mootii Edoom
gubee daaraa godheef,
2ani ibidda daʼannoo Keriiyooti barbadeessu tokko
Moʼaabitti nan erga.
Moʼaab iyya waraanaatii fi
sagalee malakataatiin duʼa.
3Ani bulchaa ishee ajjeesee
qondaaltota ishee hundas isa wajjinin fixa”
jedha Waaqayyo.
4 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Yihuudaa sadiif,
afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.
Sababii isaan seera Waaqayyoo didanii
ajaja isaas hin eeginiif,
sababii isaan waaqota sobaa,
waaqota abbootiin isaanii duukaa buʼan sanaan karaa irraa jalʼataniif,
5ani ibidda daʼannoo Yerusaalem barbadeessu tokko
Yihuudaatti nan erga.”
Murtii Israaʼelitti Murame
6 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Israaʼel sadiif,afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu.
Isaan qajeeltota meetiitti,
rakkattoota immoo kophee cimdii tokkotti gurguratan.
7Isaan akkuma biyyoo lafaatti
mataa hiyyeeyyii irra ijaajjanii
cunqurfamaas murtii qajeelaa dhowwatan.
Abbaa fi ilmi durba tokkotti galanii
akkasiin maqaa koo qulqulluu xureessan.
8Isaan uffata qabdiidhaan nama irraa
fudhatan irra iddoo aarsaa hunda bira ciciisan.
Isaan daadhii wayinii kan warra adabaman biraa dhufe,
mana waaqa isaanii keessatti dhugu.
9“Inni akkuma birbirsaa dheeratee
akka qilxuu jabaatu iyyuu,
ani namicha Amoor sana fuula isaanii duratti galaafadheera.
Ani gubbaadhaa ija isaa,
jalaan immoo hidda isaa balleesseera.
10“Ani biyya Amoorotaa isiniif kennuuf jedhee,
biyya Gibxiitii isin baasee
waggaa afurtama gammoojjii keessa isinan geggeesse.
11“Akkasumas ani ilmaan keessan gidduudhaa raajota,
dargaggoota keessan gidduudhaa immoo Naaziroota kaaseera.
Yaa saba Israaʼel, wanni kun dhuguma mitii?”
jedha Waaqayyo.
12“Isin garuu Naaziroota daadhii wayinii obaaftanii
akka raajonnis raajii hin dubbanne ajajjan.
13“Ani akkuma gaariin yommuu midhaaniin guutamu caccabu sana,
amma isinan caccabsa.
14Saffisaan hin miliqu;
namoonni jajjaboon humna isaanii hin jabeeffatan;
loltuunis lubbuu isaa hin oolfatu.
15Abbaan xiyyaa jabaatee dhaabachuu hin dandaʼu;
loltuun saffisaan fiigee jalaa hin baʼu;
abbaan fardaas lubbuu isaa oolfachuu hin dandaʼu.
16Loltoonni akka malee jajjaboon iyyuu
gaafas qullaa isaanii baqatu”
jedha Waaqayyo.
Copyright information for
GazHAHl