‏ Colossians 2

1Akka ani isiniif, warra Lodooqiyaa jiranii fi warra fooniin fuula koo hin argin hundaafis jedhee hammam carraaqaa jiru isin akka beektan nan barbaada. 2Kunis akka isaan jaalalaan tokko taʼanii garaan isaanii jajjabeeffamuuf, akka isaan badhaadhummaa hubannaa guutuu qabaatanii icciitii Waaqaa jechuunis Kiristoosin beekaniif; 3badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuus isuma keessa dhokfameera. 4Anis akka namni tokko iyyuu afaan tolee isin hin gowwoomsineef waan kana isinittin hima. 5Ani yoon fooniin isin irraa fagaadhe illee hafuuraan isin wajjin waanan jiruuf, isin hammam naamusa qabeeyyii akka taatanii fi amantiin isin Kiristoositti qabdanis hammam cimaa akka taʼe arguu kootiif nan gammada.

Jireenya Kiristoosiin Argamu

6Yoos akkuma Kiristoos Yesuus Goofticha fudhattanitti isatti jiraadhaa; 7akkuma barattan sanatti hidda keessan isa keessatti gad fageeffadhaatii isa irratti ijaaramaa; amantiittis jabaadhaa; galata guutee dhangalaʼus dhiʼeessaa.

8Eenyu iyyuu barsiisa waaʼee Kiristoos irratti hundeeffameen utuu hin taʼin falaasama faayidaa hin qabnee fi gowwoomsaa, kan bartee namaatii fi qajeelfama addunyaa kanaa irratti hundeeffameen akka isin hin boojine of eeggadhaa.

9Guutummaan Waaqummaa hundinuu fooniin Kiristoos keessa jiraataatii; 10isinis Kiristoos isa humnaa fi taayitaa hunda irratti mataa taʼe sanaan guutamtaniirtu. 11Isumaanis foon cubbamaa taʼe sana of irraa gattanii dhagna qabattaniirtu; dhagna qabaan kunis dhagna qabaa harka namaatiin taʼe utuu hin taʼin kan Kiristoosiin taʼee dha; 12isinis cuuphaadhaan isa wajjin awwaalamtanii humna Waaqaa kan Kiristoosin warra duʼan keessaa isa kaasetti amanuu keessaniin cuuphaadhuma sanaan isa wajjin kaafamtaniirtu.

13Yeroo isin cubbuu keessanii fi foon keessan kan dhagna hin qabamin sanaan duutanii turtanitti Waaqni Kiristoos wajjin jiraattota isin taasise. Cubbuu keenya hundas nuu dhiise; 14innis himata idaa keenya kan seeraa kan nuun mormuu fi nutti muru sana haqee mismaaraan fannootti diree dhabamsiise. 15Innis humnootaa fi taayitaawwan fannoodhaan moʼate hidhannoo hiikkachiisuudhaan ifa baasee uummatatti isaan argisiise.

Sirna Foonii Jalaa Bilisa Baʼuu

16Kanaafuu eenyu iyyuu waan nyaattanii fi waan dhugdaniin yookaan waaʼee ayyaanaatiin yookaan waaʼee Baatii Haaraatiin yookaan waaʼee Sanbataatiin isinitti hin murin. 17Isaan kunneen gaaddidduu waan dhufuuf jiruu ti; dhugaan isaa garuu Kiristoos keessa jira. 18Namni sobee gad of qabuu fi ergamoota waaqeffachuu jaallatu kam iyyuu badhaasa isin hin dhabsiisin. Namni akkasii waan arge hunda baayʼisee odeessa; sababii malee yaada foon isaatiin of tuula. 19Innis mataa isa dhagni guutuun ittiin soorame, hiddaa fi ribuu isaatiinis walitti hidhamee guddina Waaqni kennuufiin guddatu sana irraa citeera.

20Isin erga Kiristoos wajjin qajeelfama hundee kan addunyaa kanaatiif duutanii maaliif akka waan amma iyyuu kan addunyaa taataniitti sirna isaatiif bultu ree? 21Innis, “Harkaan hin qabatin! Hin dhandhamin! Hin tuqin!” jedha. 22Isaanis waan ajajaa fi barsiisa namaa irratti hundeeffamaniif yeroo hojii irra oolanitti baduuf murteeffamaniiru. 23Sirni kunis dhugumaan of dirqisiisuun waaqeffachuu isaanii, gad of qabuu sobaatii fi foon isaanii miidhuu isaaniitiin bifa ogummaa qaba; hawwii foonii dhowwuuf garuu faayidaa tokko illee hin qabu.
Copyright information for GazHAHl