‏ Colossians 4

1Yaa gooftota, isinis akka samii irraa Gooftaa qabdan waan beektaniif, garboota keessan qajeelummaa fi wal qixxummaadhaan bulchaa.

Gorsa Dabalataa

2Warra dammaqanii galateeffatan taʼuudhaan kadhannaatti jabaadhaa. 3Nu icciitii Kiristoos kan ani isaaf jedhee hidhamee jiru sana akka lallabnuuf Waaqni balbala dubbichaa akka nuu banu nuufis kadhadhaa. 4Anis akka narraa eegamutti ibsee akkan lallabuuf naa kadhadhaa. 5Baricha furuudhaan warra alaa wajjin hubannaadhaan jiraadhaa. 6Tokkoo tokkoo namaatiif akkamitti akka deebii kennitan akka beektaniif dubbiin keessan yeroo hunda ayyaanaan kan guutame, soogiddaanis kan miʼeeffame haa taʼu.

Dhaamsa Nagaa Xumuraa

7Xikiqoos oduu waaʼee kootii hunda isinitti ni hima. Inni obboleessa jaallatamaa, tajaajilaa amanamaa fi Gooftaatti garbicha hidhata koo taʼee dha. 8Anis akka isin haala nu keessa jirru beektanii fi akka inni garaa keessan jajjabeessuuf gara keessanitti isa ergeera. 9Innis obboleessa keenya amanamaa fi jaallatamaa isa garee keessan keessaa tokko taʼe Oneesimoos wajjin dhufa. Isaanis waan asitti taʼaa jiru hundumaa isinitti himu.

10Arisxirokoos inni na wajjin hidhamee jiru nagaa isinii dhaama; Maarqos durbiin Barnaabaasis akkanuma nagaa isinii dhaama. Waaʼee isaas ajajni, “Yoo inni gara keessan dhufe isa simadhaa” jedhu isin gaʼeera.

11Yesuus inni Yoosxoos jedhamus akkasuma nagaa isinii dhaama. Warra dhagna qabatan keessaas kanneen na wajjin mootummaa Waaqaatiif hojjetan isaanuma qofa; isaanis jajjabina guddaa naa taʼaniiru.

12Ephaafiraan inni isin keessaa tokko taʼee fi tajaajilaan Kiristoos Yesuus nagaa isinii dhaama. Innis akka isin fedhii Waaqaa hundaan bilchaatoo fi guutuu taatanii jabaattanii dhaabattaniif yeroo hunda kadhannaadhaan isinii dadhabaa jira. 13Ani akka inni isiniif, warra Lodooqiyaa fi magaalaa Heraapoolis jiraniifis hinaaffaa gaarii qabu dhugaa nan baʼaaf.

14Luqaas ogeessi fayyaa michuun keenya jaallatamaanii fi Deemaas nagaa isinii dhaamu.

15Obboloota Lodooqiyaa jiranitti, akkasumas Niimfaa fi waldaa kiristaanaa kan mana ishee jirtutti nagaa naa himaa.

16Erga xalayaan kun isinii dubbifamee booddee waldaa Kiristaanaa Lodooqiyaatti akka dubbifamu godhaa; isinis xalayaa Lodooqiyaadhaa dhufu dubbifadhaa.

17Arkiphaadhaanis, “Hojii Gooftaadhaan sitti kenname sana akka xumurtu mirkaneeffadhu” jedhaa.

18Ani Phaawulos, xalayaa nagaa kana harkuma kootiin barreessa. Hidhamuu koo yaadadhaa. Ayyaanni isin wajjin haa taʼu.
Copyright information for GazHAHl