‏ Daniel 10

Daaniʼel Mulʼataan Nama Arguu Isaa

1Bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa sadaffaatti Daaniʼel isa Beelxishaazaar jedhame sanatti mulʼanni tokko mulʼate. Ergaan isaas dhugaa fi kan waaʼee waraanaa ibsu ture. Hubannaan ergaa sanaas mulʼataan isaaf kenname.

2Yeroo sanatti ani Daaniʼel torban sadii nan booʼe. 3Hamma torban sadan sun raawwatamanitti ani nyaata filatamaa tokko illee hin nyaanne; fooni yookaan daadhiin wayinii afaan koo hin seenne; dibata tokko illees hin dibanne.

4Bultii digdamii afuraffaa jiʼa jalqabaatti ani utuun qarqara laga guddichaa Laga Xegroos irra dhaabadhee jiruu, 5ol ilaalee namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatee sabbata warqee Uufaazii qulqulluu mudhii isaatti hidhate tokko fuula koo duratti arge. 6Nafni isaa akka biiralee, fuulli isaa akka balaqqee, iji isaa akka guca bobaʼuu, irree fi miilli isaa akka naasii dibamee cululuqee, sagaleen isaa immoo akka sagalee namoota baayʼee ture.

7Namni mulʼata sana arge anuma Daaniʼel qofa ture; namoonni na wajjin turan hin argine; garuu sodaan guddaan isaan qabatee baqatanii dhokatan. 8Kanaafuu ani mulʼata guddaa kana ilaalaan kophaatti hafe; humna nan dhabe; fuulli koos ni geeddarame; nan laafes. 9Kana irratti ani utuu inni dubbatuu nan dhagaʼe; ani akkuman isa dhagaʼeen adda kootiin lafatti gombifamee hirribni cimaan na qabe.

10Ergasii garuu harki tokko na qabee utuu ani holladhuu harkaa fi jilba kootiin na dhaabe. 11Innis, “Yaa Daaniʼel, ati kan akka malee jaallatamte dubbii ani sitti himuuf jiru sirriitti qabadhu; ani gara keetti ergameeraatii ol kaʼi” jedhe. Anis yommuu inni waan kana naan jedhetti hollachaan kaʼee dhaabadhe.

12Ammas akkana naan jedhe; “Yaa Daaniʼel hin sodaatin. Guyyaa tokkoffaa gaafa ati hubannaa argachuu fi fuula Waaqa keetii duratti of xinneessuuf murteessitee jalqabee dubbiin kee dhagaʼameera; anis deebii isaa fidee dhufeera. 13Ergamaan guddichi mootummaa Faares garuu bultii digdamii tokko naan morme. Sababii ani ilma mooticha mootummaa Faares wajjin achitti hafee tureef hangafoota ergamootaa keessaa Miikaaʼel na gargaaruuf dhufe. 14Ani amma waan gara fuula duraatti saba kee irra gaʼuuf jiru sitti himuuf dhufeera; mulʼanni sun waan yeroon isaa amma illee hin gaʼin argisiisaatii.”

15Utuma inni waan kana natti dubbachaa jiruu ani mataa gad qabadhee waanan dubbadhus dhabe. 16Ergasii inni nama fakkaatu tokko hidhii koo tuqe; anis afaan banadheen dubbachuu jalqabe. Isa fuula koo dura dhaabachaa ture sanaanis akkanan jedhe; “Yaa gooftaa ko, ani sababii mulʼata sanaatiif dhiphadheera; humnas dhabeera. 17Yaa gooftaa ko, ani garbichi kee akkamittan si wajjin haasaʼuu dandaʼa? Humni koo dhumeera; ani hafuura baafachuu illee dadhabeera.”

18Ammas inni nama fakkaatu sun na tuqee humna naa kenne. 19Innis, “Yaa namicha akka malee jaallatamte, hin sodaatin; nagaan siif haa taʼu! Amma jabaadhu; jajjabaadhus” naan jedhe.

Yeroo inni natti dubbatetti ani nan jajjabaadhee, “Yaa Gooftaa ko, ati waan na jajjabeessiteef dubbadhu” isaan jedhe.

20Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Ati waan ani gara kee dhufeef beektaa? Ani ergamaa guddicha mootummaa Faares loluuf nan deebiʼa; yeroo ani deemutti immoo ergamaan guddichi mootummaa Giriik ni dhufa; 21garuu ani duraan dursee waan Kitaaba Dhugaa keessatti barreeffame sittin hima. Isaan loluufis Miikaaʼel hangafticha keessan malee kan na gargaaru kan biraa hin jiru.
Copyright information for GazHAHl