‏ Deuteronomy 10

Gabateewwan Gabateewwan Jalqabaa Fakkaatan

1Yeroo sanas Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gabateewwan dhagaa kanneen gabateewwan jalqabaa fakkaatan lama soofiitii tulluutti ol baʼii na bira kottu. Taabota mukaas hojjedhu. 2Anis dubbii gabateewwan jalqabaa kanneen ati caccabsite sana irra turan gabateewwan kanneen irratti nan barreessa. Atis taabota keessa isaan keessa.”

3Ani muka laaftoo irraa taabota tolchee gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen jalqabaatti nan soofe; gabateewwan lamaanis harkatti qabadhee tulluu sanatti ol nan baʼe. 4Waaqayyo guyyaa wal gaʼii sana tulluu irraa Ajajawwan Kurnan ibidda keessaa isinitti dubbate sana akkuma barreeffama duraatti gabateewwan kanneen irratti barreesse; Waaqayyos gabateewwan kanneen natti kenne. 5Anis tulluu sana irraa gad buʼee akkuma Waaqayyo na ajajetti gabateewwan sana taabota isa ani hojjedhee ture keessa nan kaaʼe; isaanis amma achi jiru.

6Israaʼeloonnis Biʼeerooti Benee Yaaʼakaanii kaʼanii gara Mooseraatti qajeelan. Aroonis achitti duʼee awwaalame; ilmi isaa Eleʼaazaar iddoo isaa buʼee luba taʼe. 7Achii kaʼanii Gudgodaa dhaqan; ergasiis gara Yoxbaataa biyya bishaanota yaaʼan qabduutti darban. 8Yeroo sanatti Waaqayyo gosa Lewwii akka inni taabota kakuu Waaqayyoo baatuuf, akka fuula Waaqayyoo dura dhaabatee isa tajaajiluu fi akka maqaa isaatiin eebbisuuf hamma harʼaatti addaan baase. 9Sababiin gosti Lewwii akka obboloota isaa gidduutti qooda yookaan dhaala hin qabaanne godhameefis kanuma. Akkuman Waaqayyo Waaqni kee isaanitti himetti, Waaqayyo dhaala isaanii ti.

10Ammas ani akkuma yeroo jalqabaa godhe sana guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irran ture; Waaqayyo ammas na dhagaʼe. Inni si balleessuudhaaf fedhii hin qabu. 11Waaqayyos, “Deemi; akka isaan biyya ani abbootii isaaniitiif kennuudhaaf kakadhe sana seenanii dhaalaniif saba kana dura buʼii deemi” naan jedhe.

Waaqayyoon Sodaadhu

12Yaa Israaʼel, wanni Waaqayyo Waaqni kee sirraa barbaadu maali? Akka ati Waaqayyo Waaqa kee sodaattu, akka daandii isaa hunda irra deemtu, akka isa jaallattu, akka Waaqayyo Waaqa kee garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan tajaajiltu, 13akka siif toluuf, akka ati ajajawwanii fi qajeelchawwan Waaqayyoo kanneen ani harʼa siif kennu eegduu mitii?

14Kunoo samiin, samiin samiiwwanii olii, laftii fi wanni ishee keessa jiru hundinuu kan Waaqayyo Waaqa keetii ti. 15Taʼus akkuma harʼa taʼee jiru kana, Waaqayyo jaalalaan qalbii isaa abbootii keessan irra buufate; isin warra sanyii isaanii taatanis saboota hunda caalchisee filate. 16Kanaafuu qalbii keessan dhagna qabaa; siʼachis mataa jabeeyyii hin taʼinaa. 17Waaqayyo Waaqni keessan Waaqa waaqotaa, Gooftaa gooftotaa, Waaqa guddaa, jabaa fi sodaachisaa, kan nama wal hin caalchifnee fi kan mattaʼaa hin fudhanneedhaatii. 18Inni ijoollee abbootii hin qabnee fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼaniif ni falma; alagootas nyaataa fi uffata isaanii kennuudhaan jaallata. 19Alagoota jaalladhaa; isin mataan keessan biyya Gibxitti alagoota turtaniitii. 20Waaqayyo Waaqa kee sodaadhu; isa tajaajilis. Isatti maxxani; maqaa isaatiinis kakadhu. 21Inni ulfina kee ti; inni Waaqa kee kan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa ati ija keetiin argite sana siif hojjetee dha. 22Abbootiin kee warri Gibxitti gad buʼan nama torbaatama turan; amma garuu Waaqayyo Waaqni kee akka urjii samii keessaa si baayʼiseera.
Copyright information for GazHAHl