Deuteronomy 14
Nyaata Qulqulluu taʼee fi Qulqulluu Hin taʼin
14:3‑20 kwf – Lew 11:1‑23
1Isin ijoollee Waaqayyo Waaqa keessanii ti. Nama duʼeef jettanii of hin murmurinaa yookaan rifeensa adda keessaniin oli jiru hin haaddatinaa; 2ati Waaqayyo Waaqa keetiif saba qulqulluudhaatii. Waaqayyo akka ati qabeenya isaa jaallatamaa taatuuf jedhee saboota lafa irra jiraatan hunda keessaa si filateera. 3Ati waan jibbisiisaa tokko illee hin nyaatin. 4Horiin isin nyaachuu dandeessan kanneenii dha; sangaa, hoolaa, reʼee, 5gadamsa, kuruphee, borofa, reʼee diidaa, waaliyaa, saalaa fi hoolaa tulluu. 6Horii kotteen isaa baqaqee iddoo lamatti gargar qoodame kan halala guuru nyaachuu ni dandeessu. 7Garuu warra halala guuran yookaan warra kottee baqaqaa qaban keessaa gaala, illeettii, yookaan osolee hin nyaatinaa; isaan kunneen halala guuran iyyuu waan kotteen isaanii duudaa taʼeef isaan akka seeraatti isiniif qulqulluu miti. 8Booyyeenis qulqulluu miti; kotteen isaa baqaqaa taʼus booyyeen halala hin guuru. Isin foon isaanii hin nyaatinaa yookaan raqa isaanii hin tuqinaa. 9Uumamawwan bishaan keessa jiraatan hunda keessaa warra qoochoo fi qola qaban kam iyyuu nyaachuu dandeessu. 10Garuu warra qoochoo fi qola hin qabne kam iyyuu hin nyaatinaa; isaan isiniif qulqulluu miti. 11Isin simbira qulqulluu kam iyyuu nyaachuu dandeessu. 12Isaan kanneen garuu hin nyaatinaa; isaanis risaa, rumicha, rumicha gurraacha, 13culullee, culullee gurraacha, culullee gosa garaa garaa, 14arraagessa gosa garaa garaa, 15guchii, urunguu, allaattii bishaanii, coroffee gosa garaa garaa, 16urunguu xinnaa, urunguu guddaa, urunguu adii, 17urunguu gammoojjii, abbaa koddaa, urunguu guddaa, 18huummoo, allaattii gosa kamii iyyuu, haadha gaayyeetii fi simbira halkanii ti. 19Ilbiisonni barrisan hundinuu isiniif qulqulluu miti; isaan hin nyaatinaa. 20Uumamawwan qoochoo qaban kanneen qulqulluu taʼan kam iyyuu garuu nyaachuu dandeessu. 21Waan ofii isaatiin duʼe tokko illee hin nyaatin. Akka inni nyaatuuf alagaa magaalaa kee keessa jiraatuuf kenni yookaan nama ormaa tokkotti gurguradhu. Ati garuu saba Waaqayyo Waaqa keetiif qulqulleeffamtee dha. Ilmoo reʼee tokko aannan haadhaa isheetiin hin affeelin.Kudhan Keessaa Harka Tokko
22Waan lafti qotiisaa kee waggaatti kennu hunda keessaa kudhan keessaa tokko kophaatti baasii kaaʼi. 23Akka Waaqayyo Waaqa kee sodaachuu barattuuf iddoo inni akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatutti midhaan kee, wayinii kee haaraa fi zayitii kee akkasumas hangafa loonii fi bushaayee kee fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nyaadhu. 24Garuu yoo iddoon sun akka malee fagaatee, atis Waaqayyo Waaqa keetiin eebbifamtee sababii iddoon Waaqayyo akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatu sun fagoo taʼeef kennaa kee kudhan keessaa tokko baachuu dadhabde, 25kennaa kee kan kudhan keessaa tokko sana meetiitti geeddariitii, meetii sana qabadhuutii iddoo Waaqayyo Waaqni kee filatu dhaqi. 26Meetii sanaanis waanuma feete jechuunis, loon, hoolota, daadhii wayinii yookaan dhugaatii jabaa, yookaan waan barbaadde kam iyyuu biti. Ergasii atii fi warri mana keetii fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nyaadhaa gammadaa. 27Lewwonni magaalaa kee keessa jiraatan qooda yookaan dhaala ofii isaanii waan hin qabneef ati isaan hin dagatin. 28Yeroo hunda dhuma waggaa sadaffaatti waan waggaa sana keessa galfatte kudhan keessaa tokko fuudhiitii magaalaawwan keessatti kuusi. 29Kunis akka Lewwonni qooda yookaan dhaala ofii isaanii hin qabne, alagoonni, ijoolleen abbaa hin qabnee fi niitonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan warri magaalaawwan keessa jiraatan nyaatanii quufanii fi akka Waaqayyo Waaqni kee hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf.
Copyright information for
GazHAHl