‏ Deuteronomy 15

Waggaa Itti Gatiin Namaaf Dhiifamu

15:1‑11 kwi – Lew 25:8‑38

1Ati yeroo hunda dhuma waggaa torbaffaatti gatii namaaf dhiisuu qabda. 2Kunis akkanatti taʼa: namni liqii kennu hundii liqii ollaa isaa nama Israaʼeliif liqeesse dhiisuufii qaba. Sababii yeroon Waaqayyoo kan itti gatiin namaaf dhiifamu labsameef inni ollaa isaa yookaan obboleessa isaa Israaʼelicha irraa waan isaaf liqeesse hin gaafatin. 3Ati waan alagaaf liqeessite gaafachuu ni dandeessa; garuu waan obboleessi kee sirraa liqeeffate dhiisuufii qabda. 4Taʼus waan Waaqayyo Waaqni kee biyya akka ati dhaaltuuf siif kennu irratti akka malee si eebbisuuf hiyyeessi gidduu keetti hin argamu; 5kunis yoo ati guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee fi yoo ati ajajawwan ani harʼa siif kennu kanneen hunda eegde qofa taʼa. 6Waan Waaqayyo Waaqni kee akkuma si abdachiisetti si eebbisuuf ati saboota baayʼeedhaaf liqeessita malee tokko irraa iyyuu hin liqeeffattu. Ati saboota baayʼee bulchita malee isaan si hin bulchan.

7Magaalaawwan Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessatti yoo obboloota kee gidduu hiyyeessi jiraate obboleessa kee sana irratti garaan kee hin jabaatin yookaan isa gargaaruu irraa harka kee hin deebifatin. 8Qooda kanaa harka kee isaaf diriirsiitii waan isa gaʼu liqeessiif. 9Akka yaadni hamaan, “Waggaan torbaffaan, waggaan itti gatiin namaaf dhiifamu sun dhiʼaateera” jedhu si keessatti kuufamee ati akkasiin obboleessa kee rakkataa ija hamaadhaan ilaaltee gargaaruu hin dhiifne of eeggadhu. Inni Waaqayyotti ol iyyata; kunis cubbuu sitti taʼa. 10Ati arjummaadhaan isaaf kenni; yommuu kennituufis garaan kee hin gaabbin; sababii kanaaf Waaqayyo Waaqni kee hojii kee hundaa fi waan harki kee qabate hundaan si eebbisa. 11Yoom iyyuu taanaan hiyyeeyyiin lafa irra ni jiraatu. Kanaafuu ani akka ati harka kee obboloota keetiif, hiyyeeyyii fi rakkattoota biyya keetiitiif diriirfattu sin ajaja.

Garboota Bilisoomsuu

15:12‑18 kwf – Bau 21:2‑6

15:12‑18 kwi – Lew 25:38‑55

12Yoo namni gosa Ibrootaa, dhiirri yookaan dubartiin sitti gurguramtee waggaa jaʼa siif hojjette, waggaa torbafaatti bilisa baasii gad dhiisi. 13Yommuu gad dhiiftuttis harka duwwaa hin geggeessin. 14Bushaayee kee keessaa, oobdii fi iddoo cuunfaa wayinii keetii irraa arjummaadhaan kenniif. Akkuma Waaqayyo Waaqni kee si eebbisetti isaaf kenni. 15Akka atis biyya Gibxitti garba turtee fi akka Waaqayyo Waaqni kee si fure yaadadhu. Wanni ani harʼa ajaja kana siif kennuufis kanuma.

16Garuu yoo garbichi kee sun sababii siʼii fi maatii kee jaallatuuf si wajjin jiraachuun itti tolee, “Ani si dhiisee hin deemu” siin jedhe, 17mutaa fuudhii balbala irratti gurra isaa uri; innis bara baraan garbicha kee taʼa. Garbittii kees akkasuma godhi.

18Garbicha kee bilisoomsuun waan ulfaataa sitti hin fakkaatin; tajaajilli isaa kan waggaa jaʼaa sun gatii nama qaxaramee hojjetu tokkootti harka lama tureetii. Waaqayyo Waaqni kee waan ati hojjetu hundaan si eebbisa.

Horii Hangafa

19Loonii fi bushaayee kee keessaa korma hangafa hunda Waaqayyo Waaqa keetiif addaan baasi; qotiyyoo kee keessaa hangafaan hin hojjetin; hangafa hoolaa keetii irraa rifeensa hin murin. 20Waggaa waggaadhaan atii fi maatiin kee iddoo Waaqayyo Waaqni kee filatutti fuula isaa duratti isaan nyaattu. 21Yoo horiin sun hirʼina qabaate jechuunis yoo inni naafa yookaan jaamaa yookaan mudaa hamaa kam iyyuu qabaate, ati horii sana aarsaa gootee Waaqayyo Waaqa keetiif hin dhiʼeessin. 22Ati magaalaa kee keessatti nyaadhu. Akkuma waan horiin sun kuruphee yookaan gadamsa taʼeetti namni akka seeraatti qulqulluu hin taʼinii fi kan qulqulluu taʼe nyaachuu dandaʼa. 23Ati garuu dhiiga sana hin nyaatin; akkuma bishaaniitti lafatti dhangalaasi.
Copyright information for GazHAHl