‏ Deuteronomy 18

Qooda Lubootaatii fi Lewwotaa

1Luboonni warri Lewwota taʼan jechuunis gosti Lewwii hundi Israaʼel wajjin qooda lafaa yookaan dhaala hin argatan. Isaan aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼaatu irraa haa nyaatan; kun qooda isaaniitii. 2Isaan obboloota isaanii gidduutti dhaala tokko iyyuu hin qabaatin; akkuma inni isaan abdachiisetti Waaqayyo dhaala isaaniitii.

3Qoodni luboonni saba aarsaa kormaa yookaan hoolaa dhiʼeessu irraa argachuu malan foon harkaa, kan mangaagaatii fi miʼa garaa ti. 4Mataa midhaan keetii, daadhii wayinii haaraa fi zayitii kee kan jalqabaa akkasumas suufii jalqabaa kan hoolaa kee irraa haaddu isaanii kennuu qabda; 5kunis sababii Waaqayyo Waaqni kee akka isaan yeroo hunda dhaabatanii maqaa Waaqayyootiin tajaajilaniif gosoota kee hunda keessaa sanyii isaanii filateef.

6Lewwichi tokko yoo magaalaawwan kee kanneen guutummaa Israaʼel keessatti argaman kam iyyuu keessaa iddoo jiraatuu baʼee garaa guutuudhaan iddoo Waaqayyo Waaqni filatu dhufe, 7innis akkuma Lewwota fuula Waaqayyoo dura dhaabatanii tajaajilaniitti achitti maqaa Waaqayyo Waaqa isaatiin haa tajaajilu. 8Inni qabeenya maatii isaa kan gurguramu irraa maallaqa argatu illee Lewwota michoota isaa wajjin faayidaa argamu wal qixxee hirmaachuu qaba.

Hojiiwwan Jibbisiisoo

9Ati yommuu biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galtutti, hojii balfamaa saboonni achi jiraatan hojjetan sana hojjechuu hin baratin. 10Namni ilma isaa yookaan intala isaa ibiddatti aarsaa godhu, namni waa himu yookaan falfala hojjetu, namni milkii ilaalu, tolfattuun, 11yookaan xibaartuun, ilaaltuun yookaan eker dubbistuun yookaan namni nama duʼe wajjin dubbatu tokko iyyuu gidduu keetti hin argamin. 12Namni waan akkasii hojjetu kam iyyuu fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha; sababii hojii jibbisiisaa kanaatiifis Waaqayyo Waaqni fuula kee duraa saboota ariʼee ni baasa. 13Ati fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti hirʼina malee jiraachuu qabda.

Raajii

14Saboonni ati lafa isaanii irraa buqqiftu warra falfala hojjetan yookaan warra ilaalanii dha. Garuu akka ati waan akkasii hojjettu Waaqayyo Waaqni kee siif hin eeyyamamne. 15Waaqayyo Waaqni kee obboloota kee keessaa raajii akka kootii tokko siif kaasa. Atis isa dhagaʼuu qabda. 16Wanni ati gaafa waldaan Kooreebitti walitti qabame, “Ani akka hin duuneef lammata sagalee Waaqayyo Waaqa kootii hin dhagaʼu yookaan ibidda guddaa kana siʼachi hin argu” jettee Waaqayyoon Waaqa kee kadhatte kanaatii.

17 Waaqayyo akkana naan jedhe: “Wanni isaan jedhan gaarii dha. 18Ani raajii akka keetii obboloota isaanii gidduudhaa isaaniif nan kaasa; dubbii koo afaan isaa keessa nan kaaʼa; innis waan ani isa ajaju hunda isaanitti hima. 19Nama dubbii koo kan raajiin maqaa kootiin dubbatu dhagaʼuu didu kam iyyuu, ani mataan koo isa nan gaafadha. 20Garuu raajiin waan maqaa kootiin dubbatu fakkeessee waan ani akka inni dubbatu isa hin ajajin kam iyyuu dubbatu yookaan kan maqaa waaqota biraatiin dubbatu haa ajjeefamu.”

21Ati garaa keetti, “Nu dubbii Waaqayyo nutti hin dubbatin akkamitti beekuu dandeenya?” jetta taʼa. 22Yoo wanni raajiin tokko maqaa Waaqayyootiin dubbate utuu hin guutamin hafe, dubbiin sun dubbii Waaqayyo hin dubbatinii dha. Raajiin sun itti fakkeessee dubbateeraatii isa hin sodaatin.
Copyright information for GazHAHl