‏ Deuteronomy 20

Waraanaaf Baʼuu

1Sababii Waaqayyo Waaqni kee inni biyya Gibxiitii si baase sun si wajjin jiruuf yommuu diinota kee loluuf baatutti fardeenii fi gaariiwwan akkasumas humna waraanaa kan humna waraanaa kee caalu argitutti hin sodaatin. 2Yommuu ati waraanatti dhiʼaattutti lubni fuula duratti baʼee loltootatti haa dubbatu. 3Innis akkana haa jedhu; “Yaa Israaʼel, isin harʼa diinota keessan loluuf waraanatti seenuuf jirtu. Garaan keessan hin raafamin yookaan hin sodaatinaa; hin naʼinaa yookaan fuula diinota keessanii duratti hin hollatinaa. 4Kan moʼannaa isiniif kennuuf jedhee diinota keessan isiniif loluuf isin wajjin baʼu Waaqayyo Waaqa keessaniitii.”

5Ajajjoonni loltootaa immoo loltootaan akkana haa jedhan: “Namni mana haaraa ijaaree hin eebbisiisin tokko iyyuu jiraa? Inni gara mana isaatti haa deebiʼu; yoo kanaa achii inni waraana irratti duʼee namni biraa mana isaa eebbisa. 6Namni wayinii dhaabee irraa hin nyaatin jiraa? Inni gara mana isaa haa deemu; yoo kanaa achii inni lola keessatti duʼee namni biraa wayinii sana nyaata. 7Namni niitii fuudhuuf kadhatee utuu hin fuudhin dhufe jiraa? Inni gara mana isaa haa deemu; yoo kanaa achii inni lola irratti duʼee namni biraa ishee fuudha.” 8Ajajjoonni loltootaa ammas, “Namni sodaatu yookaan kan garaan isaa raafamu jiraa? Akka garaan obboloota isaas hin raafamneef inni gara mana isaatti haa deebiʼu” haa jedhan. 9Ajajjoonni yommuu loltootatti dubbatanii raawwatanitti loltoota irratti ajajjoota haa muudan.

10Ati yommuu magaalaa tokko dhaʼuuf baatutti, duraan dursii namoota magaalaa sana keessa jiraataniif waamicha nagaa godhi. 11Yoo isaan tole jedhanii balbala siif banan, namni hundi siif haa bulu; hojjetaa kees haa taʼu. 12Yoo isaan waamicha nagaa fudhachuu didanii waraanaaf sitti baʼan ati magaalattii marsi. 13Yommuu Waaqayyo Waaqni kee dabarsee isaan sitti kennutti dhiirota magaalattii keessa jiraatan hunda goraadeedhaan fixi. 14Garuu nadheenii fi ijoollee, horii fi waan magaalattii keessatti argamu hunda boojiʼiitii ofii keetii fudhadhu; ati boojuu Waaqayyo Waaqni kee diinota kee irratti siif kennetti fayyadamuu ni dandeessa. 15Akki ati magaalaawwan saboota naannoo keetii hin taʼin kanneen akka malee fagoo taʼan gootus kanuma.

16Taʼus magaalaawwan saboota Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennu keessatti waan hafuura baafatu tokko illee hin hambisin. 17Akkuma Waaqayyo Waaqni kee si ajajetti guutumaan guutuutti isaan barbadeessi; isaanis Heetota, Amoorota, Kanaʼaanota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota. 18Yoo kanaa achii akka ati waan jibbisiisaa isaan waaqota isaanii waaqeffachuudhaan hojjetan sana duukaa buutu si barsiisu; atis Waaqayyo Waaqa keetti cubbuu hojjetta.

19Ati yommuu yeroo dheeraadhaaf magaalaa sana marsitee qabachuudhaaf ishee waraantutti, mukkeen ishee qottoodhaan cirtee hin balleessin; ati midhaan isaanii nyaachuu dandeessaatii isaan hin cirin. Ati kan isaan marsitu mukkeen bosonaa namoota taʼaniitii? 20Garuu hamma magaalaan si wajjin wal loltu sun kuftutti mukkeen akka isaan gumaa hin naqanne beektu murtee hojii ijaarsa marsuutiif itti fayyadamuu ni dandeessa.
Copyright information for GazHAHl