Deuteronomy 25
1Yoo namoonni lama wal dhabanii gara mana murtii dhufan, abbootiin seeraa isa qulqulluu gad dhiisanii isa yakka qabutti muruu qabu. 2Yoo namicha balleessaa qabu sanaaf garafamuun male abbaan murtii akka inni ciisu godhee fuula namichaa duratti lakkoobsa yakka isaatiif maluun isa haa garafsiisu; 3taʼus inni afurtama caalaa isa hin garafsiisin. Inni kana caalaa yoo garafame obboleessi kee fuula kee duratti ni qaanaʼa. 4Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin. 5Yoo obboloonni wajjin jiraatanii isaan keessaa tokko utuu ilma hin dhalchin duʼe, niitiin isaa maatiidhaa alatti heerumuu hin qabdu. Waarsaan ishee ishee fuudhee niitii haa godhatu; waan waarsaan tokko guutuufii qabus isheedhaaf haa guutu. 6Akka maqaan isaa Israaʼel gidduudhaa hin badneef ilmi isheen deessu hangafni maqaa obboleessa duʼe sanaatiin haa waamamu. 7Taʼus yoo namichi sun niitii obboleessa isaa fuudhuu hin barbaanne isheen gara balbala magaalaatti maanguddoota bira dhaqxee, “Waarsaan koo maqaa obboleessa isaa Israaʼel keessatti waamsisuu dideera. Inni waan waarsaan tokko guutuu qabu naaf hin guutu” haa jettuun. 8Ergasii maanguddoonni magaalaa isaatii waamanii isa haa haasofsiisan. Yoo inni yaada isaa geeddarachuu didee, “Ani ishee fuudhuu hin fedhu” jedhe, 9niitiin obboleessa isaa sun fuula maanguddootaa duratti gara isaa dhaqxee kophee miilla isaa tokko irraa baafti; fuula isaattis tuftee, “Nama obboleessa isaatiif mana hin dhaabne irratti waan akkanaatu raawwatama” haa jettu. 10Sanyiin nama sanaas Israaʼel keessatti, “Maatii kopheen irraa baafame” jedhamee waamama. 11Yoo utuu namoonni lama wal lolanii, niitiin isa tokkoo dhuftee dhirsa ishee harka namicha isa tumaa jiru sanaatii baasuuf harka ishee hiixattee saala namichaa qabde, 12ati harka ishee irraa muri. Garaa hin laafiniif. 13Korojoo kee keessaa madaaliiwwan wal caalan lama jechuun tokko ulfaataa tokko immoo kan hin ulfaanne hin qabaatin. 14Mana kee keessaa safartuuwwan garaa garaa lama jechuunis tokko guddaa tokko immoo xinnaa hin qabaatin. 15Ati akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf madaalii fi safartuu qajeelaa fi amanamaa taʼe qabaadhu. 16Waaqayyo Waaqni kee nama waan akkasii hojjetu kam iyyuu, nama jalʼina hojjetu kam iyyuus ni balfaatii. 17Waan Amaaleqoonni yeroo ati Gibxii baatu karaa irratti si godhan sana yaadadhu. 18Isaan yeroo ati dadhabdee bututtee turtetti karaa irratti si argatanii warra duubaan tirachaa turan hunda ajjeesan; Waaqas hin sodaanne. 19Yommuu Waaqayyo Waaqni kee biyya dhaala godhee siif kennu keessatti diinota naannoo keetii irraa boqonnaa siif kennutti, yaadannoo Amaaleq samii jalaa balleessi. Waan kana hin dagatin!
Copyright information for
GazHAHl