‏ Deuteronomy 30

Badhaadhummaa Gara Waaqayyootti Deebiʼuudhaan Argamu

1Yommuu eebbii fi abaarsi ani fuula kee dura kaaʼe kun hundi si argatee ati saboota Waaqayyo Waaqni kee keessatti si bittinneessu hunda gidduu jiraatutti yoo ati waan sana yaadattu, 2yommuu atii fi ijoolleen kee gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebitanii akkuma waan ani harʼa isin ajaju hundaatti garaa keessanii fi lubbuu keessan guutuudhaan isaaf ajajamtan, 3Waaqayyo Waaqni kee boojuu kee siif deebisee garaa siif laafuudhaan saboota gidduu isaaniitti si bittinneesse hunda keessaa deebisee walitti si qaba. 4Yoo ati samii jalatti lafa akka malee fagootti geeffamtee jiraatte illee Waaqayyo Waaqni kee walitti si qaba; deebisees si fida. 5Inni biyya abbootii keetiitti si galcha; atis ni dhaalta. Inni abbootii kee caalaa si sooromsa; akka malee si baayʼisas. 6Akka ati garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan isa jaallattee jiraattuuf Waaqayyo Waaqni kee garaa keetii fi garaa sanyiiwwan keetii dhagna ni qaba. 7Waaqayyo Waaqni kee abaarsa kana hunda warra si jibbanii si rakkisan irra ni kaaʼa. 8Atis deebitee Waaqayyoof ni ajajamta; ajaja isaa kanneen ani harʼa si ajaju hundas ni eegda. 9Ergasiis Waaqayyo Waaqni kee hojii harka keetii hundaa fi ijoollee gudeeda keetii baʼaniin, jabboota keetii fi midhaan lafa qotiisaa keetiitiin si sooromsa. Waaqayyo akkuma abbootii keetti gammade sana sittis gammadee si sooromsa; 10kunis yoo ati Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee ajajawwanii fi qajeelchawwan isaa kanneen Kitaaba Seeraa kana keessatti barreeffaman eeguudhaan garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebite taʼa.

Jireenya Yookaan Duʼa Filachuu

11Wanni ani harʼa si ajaju kun rakkisaa yookaan kan sirraa fagaate miti. 12Akka ati, “Akka nu dhageenyee isa eegnuuf eenyutu gara samiitti ol baʼee fidee nutti hima?” jettee hin gaafanneef inni ol samii gubbaa hin jiru. 13Yookaan akka ati, “Akka nu dhageenyee isa eegnuuf eenyutu galaana ceʼee fidee nutti hima?” jettee hin gaafanneef inni galaana gama hin jiru. 14Dubbiin sun garuu baayʼee sitti dhiʼoo jira; akka ati isa eegduufis inni afaan keetii fi garaa kee keessa jira.

15Kunoo ani harʼa jireenyaa fi eebba, duʼaa fi badiisa fuula kee dura kaaʼeera. 16Ani akka ati Waaqayyo Waaqa kee jaallattu, akka karaa isaa irras deemtuu fi akka ati ajajawwan isaa, qajeelchawwan isaatii fi seerawwan isaa eegdu si ajaja; ergasiis ati lubbuun jiraattee ni baayʼatta; Waaqayyo Waaqni kees biyya ati dhaaluuf itti galtutti si eebbisa.

17Garuu yoo yaadni kee karaa irraa jalʼatee ati ajajamuu baatte, yoo ati waaqota kaan waaqeffachuu fi isaan tajaajiluuf jettee fudhatamte, 18ani akka isin dhugumaan baddan harʼa isinittin hima. Isin Yordaanosin ceetanii biyya itti galtanii dhaaltan keessas bara dheeraa hin jiraattan.

19Ani akkan jireenyaa fi duʼa, eebbaa fi abaarsa fuula kee dura kaaʼee jiru harʼa samii fi lafa ragaan godhee sitti waama. Egaa atii fi ijoolleen kee akka jiraattaniif jireenya filadhu; 20kunis akka ati Waaqayyo Waaqa kee jaallatuuf, akka dubbii isaa dhageessee isatti maxxantee jiraattuuf. Waaqayyo sababii jireenya kee taʼeef, biyya abbootii kee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kennuuf kakateef sana keessatti bara dheeraa siif kenna.
Copyright information for GazHAHl