Deuteronomy 34
Duʼa Musee
1Museenis dirree Moʼaabii kaʼee fuullee fiixee Phisgaa kan Yerikootti argamutti, gaara Nebootti ol baʼe. Achittis Waaqayyo guutummaa biyyattii isatti argisiise; kunis Giliʼaadii hamma Daanitti, 2guutummaa Niftaalem, biyya Efreemiitii fi Minaasee, guutummaa biyya Yihuudaa kan hamma galaana lixaatti balʼatee jiru, 3Negeebii fi Magaalaa Meexxii kan sulula Yerikootii jalqabee hamma Zoʼaariitti argamuu dha. 4Ergasii Waaqayyo, “Kun biyya ani yeroo, ‘Sanyii keetiif nan kenna’ jedhetti kakuudhaan Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif waadaa galee dha. Ani akka ati ija keetiin argitu godheera; ati garuu achi hin ceetu” jedheen. 5Museen garbichi Waaqayyoos akkuma Waaqayyo isaan jedhetti achuma Moʼaab keessatti duʼe. 6Innis biyya Moʼaabitti sulula fuullee Beet Pheʼooritti argamu keessatti isa awwaale; garuu hamma harʼaatti awwaalli isaa eessa akka jiru namni tokko iyyuu hin beeku. 7Museen yeroo duʼetti nama waggaa dhibba tokkoo fi digdama ture; taʼus iji isaa hin dadhabne; humni isaas hin laafne. 8Israaʼeloonni hamma yeroon gaddaa raawwatutti dirree Moʼaab irratti bultii soddoma Museedhaaf booʼan. 9Waan Museen harka isaa isa irra kaaʼee tureef Iyyaasuun ilmi Nuuni hafuura ogummaatiin guutame. Kanaafuu Israaʼeloonni isa dhagaʼanii waan Waaqayyo Musee ajaje godhan. 10Ergasii raajiin akka Musee kan ifaan ifatti Waaqayyoon beeku tokko iyyuu Israaʼel keessatti hin kaane; 11kan Waaqayyo akka inni Faraʼoon irratti, qondaaltota isaatii fi guutuu biyya isaa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan sana hojjetuuf Gibxitti ergee waan sana hojjete tokko iyyuu hin jiru. 12Namni tokko iyyuu takkumaa humna guddaa yookaan hojii akka malee sodaachisaa Museen fuula Israaʼeloota hundaa duratti argisiise sana hin argisiifneetii.
Copyright information for
GazHAHl