‏ Deuteronomy 16:13-17

Ayyaana Daasii

16:13‑17 kwf – Lew 23:33‑43; Lak 29:12‑39

13Erga oobdii fi iddoo cuunfaa wayinii keetii irraa oomisha kee galfattee booddee guyyaa torbaaf Ayyaana Daasii ayyaaneffadhu. 14Ati, ilmaanii fi intallan kee, tajaajiltoonni kee dhiironnii fi dubartoonni, Lewwonni, alagoonni, ijoolleen abbootii hin qabnee fi dubartoonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan kanneen magaalaawwan kee keessa jiraatan ayyaana kee irratti gammadaa. 15Ayyaana kanas iddoo Waaqayyo filatutti bultii torbaaf Waaqayyo Waaqa keetiif ayyaaneffadhu. Sababii Waaqayyo Waaqni kee oomisha keetii fi hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf gammachuun kee guutuu taʼa.

16Dhiirri kee hundi waggaatti yeroo sadii iddoo inni filatutti fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti dhiʼaachuu qabu; kunis yeroo Ayyaana Maxinoo, yeroo Ayyaana Torbanootaatii fi yeroo Ayyaana Daasii ti. Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula Waaqayyoo duratti hin dhiʼaatin: 17Tokkoon tokkoon keessan akkuma baayʼina eebba Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kenneetti kennaa fidaa.
Copyright information for GazHAHl