‏ Deuteronomy 22

1Utuu sangaan yookaan hoolaan obboleessa keetii badaa jiruu yoo argite, deebisiitii isatti fidi malee calʼiftee bira hin darbin. 2Yoo obboleessi sun sirraa fagoo jiraate yookaan yoo isa beekuu baatte sangaa yookaan hoolaa sana fuudhii galiitii hamma inni barbaacha dhufutti of bira tursi. Ergasii deebisii isaaf kenni. 3Yoo harreen yookaan wayyaan yookaan wanni fedhe iyyuu obboleessa kee jalaa badee argite akkasuma godhi malee dhiiftee bira hin darbin.

4Yoo harreen yookaan sangaan obboleessa keetii karaa irratti kufee argite akka inni ol kaasee miilla isaatiin dhaabu gargaari malee bira hin darbin.

5Dubartiin uffata dhiiraa uffachuu hin qabdu yookaan dhiirri uffata dubartii uffachuu hin qabu; Waaqayyo Waaqni kee nama waan akkasii hojjetu kam iyyuu ni jibbaatii.

6Ati yoo mana simbiraa kan muka irra yookaan lafa jiru utuu haati cuucii ishee yookaan anqaaquu ishee hammattee jirtuu karaa cinatti argite haadha sana cuucii ishee wajjin hin fudhatin; 7ati cuucii ishee fudhachuu ni dandeessa; garuu akka siif tolee bara dheeraa jiraattuuf akka haadha gad dhiifte mirkaneeffadhu.

8Yommuu mana haaraa ijaartutti akka namni bantii manaa irraa kufee mana keetti yakka dhangalaʼuu dhiigaa hin fidneef qarqara bantii isaatti ittisa tolchi.

9Iddoo dhaabaa wayinii keetii keessa sanyii gosa lamaa hin facaasin; yoo ati akkas goote sanyii ati facaafte sana qofa utuu hin taʼin iji iddoo dhaabaa wayinii keetiis ni bada.

10Qotiyyoo fi harree walitti camaddee ittiin hin qotin.

11Uffata suufii fi quncee talbaa kan walitti foʼamee dhaʼame hin uffatin.

12Roga wayyaa uffattuu afran irratti handaara tolchi.

Rakkina Gaaʼela Keessatti Uumamu

13Yoo namni tokko niitii fuudhee erga ishee wajjin ciisee booddee ishee jibbee, 14ishees qaanessee maqaa balleessuudhaan, “Ani niitii tana fuudheera; garuu yommuu ani ishee wajjin ciisetti waan durbummaa ishee mirkaneessu hin arganne” jedhee, 15abbaa fi haati intalattii ragaa durbummaa ishee mirkaneessu balbala irratti maanguddoota magaalattiitti haa dhiʼeessan. 16Abbaan intalattiis maanguddootaan akkana haa jedhu; “Ani intala koo nama kanatti heerumsiiseera; inni garuu ishee jibbe. 17Maqaa ishees balleessee, ‘Ani intala kee durbummaa isheetiin hin arganne’ jedhe. Garuu ragaan durbummaa intala kootii mirkaneessu kunoo ti.” Kana irratti abbaa fi haati ishee fuula maanguddoota magaalattii duratti wayyaa sana haa diriirsan; 18maanguddoonni sunis namicha sana qabanii haa adaban. 19Isaanis sababii namichi kun maqaa durba Israaʼel tokkoo xureesseef meetii saqilii dhibba tokko baasisanii abbaa intalattiitiif haa kennan; isheen niitii isaa taatee haa jiraattu; innis hamma lubbuudhaan jirutti ishee hiikuu hin dandaʼu.

20Taʼus yoo himannaan dhiʼaate sun dhugaa taʼee ragaan durbummaa intalattii mirkaneessu hin argamin, 21isheen balbala mana abbaa ishee duratti fidamtee namoonni magaalaa ishee hamma isheen duututti dhagaadhaan ishee haa tuman; isheen utuma mana abbaa ishee jirtuu sagaagaluudhaan gocha Israaʼel keessatti qaanii taʼe hojjetteerti. Ati gidduu keetii waan hamaa baasuu qabda.

22Yoo namni tokko utuu niitii nama biraa wajjin ciisuu argame lamaan isaanii iyyuu, namichi ishee wajjin ciisee fi dubartiin sun ajjeefamuu qabu. Ati Israaʼel keessaa waan hamaa baasuu qabda.

23Yoo namni tokko durba kaadhimamte magaalaatti argee ishee wajjin ciise, 24waan isheen utuu magaalaa keessa jirtuu na oolchaa jettee hin iyyiniif, namichi immoo waan niitii nama biraa salphiseef, lamaan isaanii iyyuu gara balbala magaalaatti geessaatii hamma isaan duʼanitti dhagaadhaan tumaa. Waan hamaa gidduu keessanii balleessaa.

25Garuu yoo namni tokko durba kadhatamte tokko baadiyyaatti argee ishee gudeede, namichi waan kana godhe qofti haa ajjeefamu. 26Intalattii hin tuqinaa; isheen cubbuu duʼaan ishee gaʼu tokko iyyuu hin hojjenneetii. Dubbiin akkasii nama balaa buusee namicha ollaa isaa ajjeesuun wal fakkaata; 27kunis waan namichi durba kaadhimamte sana baadiyyaatti argatee yoo iyyite illee namni isheef birmatu hin argamneef.

28Namni tokko yoo durba hin kaadhimamin tokko argee humnaan ishee gudeedee wanni kun beekame, 29inni abbaa isheetii fi meetii saqilii shantama haa baasu. Inni waan gudeedee durbummaa ishee balleesseef ishee fuudhuu qaba. Hamma lubbuun jiruttis ishee hiikuu hin dandaʼu.

30Namni tokko niitii abbaa isaa fuudhuu hin qabu; inni siree abbaa isaa hin xureessin.
Copyright information for GazHAHl