Ecclesiastes 10
1Akkuma tisiisni duute tokko shittoo ajeessitu sanagowwummaan xinnoon ogummaa fi ulfina balleessa.
2Yaadni ogeessaa karaa mirgaa,
yaadni gowwaa immoo karaa bitaa jira.
3Gowwaan yoo karaa deemu illee qalbii hin qabu;
akka gowwaa taʼes nama hundatti argisiisa.
4Yoo dheekkamsi bulchaa tokkoo sitti hammaate,
ati iddoo kee gad hin dhiisin;
tasgabbaaʼuun dogoggora guddaa hambisuu dandaʼaatii.
5Hamminni ani aduudhaa gaditti arge tokko jira;
kunis dogoggora bulchaan tokko uumuu dha.
6Utuma badhaadhonni iddoo gad aanu qabatanii jiranuu,
gowwoonni iddoo ulfinaa qabatu.
7Ani utuma ilmaan moototaa akka garbootaa miillaan deemanii
garboonni immoo fardaan utuu deemanii nan arge.
8Namni boolla qotu kam iyyuu ofuma isaatii keessa buʼa;
nama dallaa cabsee keessaan baʼu kam iyyuu bofatu idda.
9Namni dhagaa baasu kam iyyuu dhagaa sanaan miidhamuu dandaʼa;
namni jirma baqaqsu hundinuus jirmuma sanaan miidhama.
10Qottoon doomee
afaan isaa yoo hin qaramin,
humna guddaa barbaachisa;
ogummaan garuu milkaaʼinna fida.
11Bofti tokko utuu hin raateffamin yoo nama idde,
namichi bofa raatessu sun homaa hin argatu.
12Dubbiin afaan ogeessaatii baʼu ulfina qaba;
namni gowwaan immoo hidhii ofii isaatiin bada.
13Dubbiin isaa jalqabatti gowwummaa dha;
dhuma irratti garuu maraatummaa hamaa dha;
14namni gowwaan dubbii baayʼisa.
Namni tokko iyyuu waan dhufuuf jiru hin beeku;
eenyutu waan isa duubaan taʼu isatti himuu dandaʼa?
15Dadhabbiin gowwaa isuma butuchiti;
inni karaa gara magaalaatti geessu hin beeku.
16Yaa biyya mootiin kee mucaa turee,
kan ilmaan moototaa kee ganamaan nyaatanii dhugan siif wayyoo.
17Yaa biyya mootiin kee sanyii beekamaa irraa dhalate,
kan ilmaan moototaa utuu machaaʼuuf hin taʼin,
jabina argachuuf jedhanii yeroo malutti nyaatanii dhugan, ati eebbifamtuu dha.
18Dhibaaʼummaan, mana duuffisa;
harki hin hojjennes mana dhimmisiisa.
19Cidhi kolfaaf qopheeffama;
daadhiin wayiniis jireenya gammachiisa;
maallaqni immoo deebii waan hundaa ti.
20Sababii simbirri samii dubbii kee geessituuf,
yookaan simbirri barrisaa jirtu dhaqxee waan ati jettu himtuuf,
ati yaada kee keessatti mootii hin arrabsin;
yookaan kutaa hirribaa keessatti sooressa hin abaarin.
Copyright information for
GazHAHl