Ecclesiastes 6
1Ani aduudhaa gaditti waan hamaa biraa argeera; kunis akka malee namatti ulfaata: 2Waaqni akka namni waan garaa isaatti hawwu tokko iyyuu hin dhabneef qabeenya, badhaadhummaa fi ulfina isaaf kenne; Waaqni garuu akka inni itti gammadu hin goone; qooda namichaa nama ormaatu itti gammada. Kun waan faayidaa hin qabnee dha; hammina nama gaddisiisuudhas. 3Namni tokko ijoollee dhibba qabaatee waggoota baayʼee jiraachuu dandaʼa; inni hamma fedhe jiraatu illee yoo qabeenya isaatti gammaduu baatee awwaala gaariis argachuu baate, ani, “Isaa mannaa gatata wayya” nan jedha. 4Inni akkasumaan dhufa; dukkana keessa bada; maqaan isaas dukkanaan haguugama. 5Inni yoo aduu arguu baate iyyuu yookaan yoo homaa beekuu baate iyyuu boqonnaa namichi sun argatu caalaa boqonnaa qabaata. 6Inni waggaa kuma yeroo lama jiraatu illee yoo jireenya gaarii hin jiraatin, namni hundi idduma tokko dhaqa mitii? 7Dadhabbiin nama hundaa afaanuma isaatiif;fedhiin isaa garuu yoom iyyuu hin guutu.
8Ogeessi maaliin gowwaa caala?
Hiyyeessi akka itti fuula namootaa dura jiraatu beekuudhaan
faayidaa maalii argata?
9Hawwiidhaan jooruu mannaa waan iji argu wayya.
Kunis bubbee ariʼuu malee faayidaa hin qabu.
10Waan jiru hundaaf duraanuu maqaan baʼeera;
maalummaan namaas beekamaa dha;
namni tokko iyyuu nama isa caalaa humna qabuun
morkachuu hin dandaʼu.
11Dubbiin akkuma baayʼatuun faayidaa dhaba;
yoos wanni sun akkamiin nama kam iyyuu fayyada?
12Bara jireenya namaa kan inni akkuma gaaddisaatti keessa baʼee darbu gabaabaa faayidaa hin qabne kana keessa eenyutu waan namaaf gaarii taʼe beeka? Waan erga inni deemee booddee aduudhaa gaditti taʼus eenyutu isatti himuu dandaʼa?
Copyright information for
GazHAHl