Ecclesiastes 1
Wanti Hundinuu Faayidaa Hin qabu
1Dubbii lallabaa ilma Daawit, isa Yerusaalem keessaatti mootii taʼe sanaa: 2Lallabichi, “Faayidaa hin qabu!Faayidaa hin qabu!
Guutumaan guutuutti faayidaa hin qabu!
Wanni hundinuu faayidaa hin qabu” jedha.
3Namni hojii isaa kan aduudhaa gaditti
itti dadhabu hunda keessaa, buʼaa maalii argata?
4Dhaloonni ni dhufa; dhaloonni ni darba;
lafti garuu bara baraan jiraatti.
5Biiftuun ni baati; biiftuun ni lixxi;
gara baate sanatti deebiʼuufis ni ariifatti.
6Bubbeen gara kibbaatti bubbisa;
gara kaabaattis ni deebiʼa;
innis naannaʼuma naannaʼee deema;
karaa isaa irras deddeebiʼa.
7Lagni hundi galaanatti yaaʼa;
galaanni garuu hin guutu.
Lageen garuma dhufanitti
deebiʼanii yaaʼu.
8Wanni hundinuu hamma namni tokko
dubbachuu dandaʼu caalaa dadhabsiisaa dha.
Iji argee hin quufu;
yookaan gurri dhagaʼee hin guutu.
9Wanni duraan ture ammas ni taʼa;
wanni duraan hojjetame ammas ni hojjetama;
aduudhaa gaditti wanni haaraan tokko iyyuu hin jiru.
10Wanni namni tokko, “Ilaa! Wanni kun haaraa dha”
jechuu dandaʼu kam iyyuu jiraa?
Wanni kun duraanuu bara dheeraan dura as ture;
bara keenyaan dura iyyuu asuma ture.
11Namoonni bara durii hin yaadataman;
kanneen dhufuuf jiranis warra isaan duubaan dhufaniin hin yaadataman.
Ogummaan Faayidaa Hin qabu
12Ani Lallabaan, Yerusaalem keessatti mootii Israaʼelin ture. 13Ani waan samii gaditti hojjetame hunda ogummaadhaan quʼadhee qoradhee bira gaʼuuf of kenneen ture. Waaqni baʼaa ulfaataa akkamii nama irra kaaʼe! 14Ani waan aduudhaa gaditti hojjetame hunda argeera; hundi isaanii iyyuu faayidaa hin qaban; kun akkuma nama bubbee ariʼuu ti. 15Wanni jalʼifame tokko deebiʼee hin qajeelfamu;wanni hin jirres lakkaaʼamuu hin dandaʼu.
16Anis akkana jedheen yaade; “Kunoo, ani nama anaan dura Yerusaalemin bulchaa ture kam iyyuu caalaa guddadhee ogummaas dabaladheera; ani muuxannoo ogummaatii fi beekumsaa guddaa argadheera.” 17Kanaafuu ani ogummaa, maraatummaa fi gowwummaa hubachuufin of kenne; garuu ani akka wanni kunis bubbee ariʼuu taʼe nan baradhe. 18Ogummaa guddaa keessa gadda baayʼeetu jiraatii;
akkuma beekumsi dabalamuun gaddis dabalama.
Copyright information for
GazHAHl