Ecclesiastes 11
Buddeena Bishaan Irraa
1Buddeena kee bishaan gubbaa buusi;guyyaa baayʼee booddee deebiftee argattaatii.
2Qabeenya kee iddoo torbatti yookaan saddeetitti qoodi;
balaa biyyatti dhufuuf jiru hin beektuutii.
3Duumessi yoo bishaaniin guutame,
bokkaa lafatti gad dhangalaasa.
Mukni tokko yoo kibbatti yookaan kaabatti jige,
idduma itti kufe sana ciisa.
4Namni qilleensa eeggatu tokko hin facaafatu;
kan duumessa ilaallatus hin haammatu.
5Ati akkuma daandii bubbee,
yookaan akka itti namni gadameessa haadhaa keessatti uumamu hin beekne sana,
hojii Waaqaa, Uumaa waan hundaa sana illee
beekuu hin dandeessu.
6Inni kun yookaan inni sun,
yookaan lachanuu wal qixxee tolu;
inni kam akka tolu hin beektuutii;
ati sanyii kee ganamaan facaafadhu;
galgalas harki kee hojii malee hin taaʼin.
Dargaggummaatti Uumaa kee Yaadadhu
7Ifni miʼaawaa dha;aduu arguunis ija gammachiisa.
8Namni yoo hammam waggoota baayʼee jiraate illee,
inni hunduma isaatti gammadaa haa jiraatu.
Garuu inni guyyoota dukkanaa haa yaadatu;
isaan ni baayʼatuutii.
Wanni dhufuuf jiru hundinuu faayidaa hin qabu.
9Yaa dargaggeessa, hamma dargaggummaa keessa jirtutti gammadi;
bara dargaggummaa keetii keessas garaan kee si haa gammachiisu.
Yaada garaa keetii, waanuma iji kee argu duukaa buʼi;
garuu akka Waaqni waan kana hundaaf gara murtiitti si fidu beekkadhu.
10Kanaafuu garaa kee keessaa yaaddoo balleessi;
sababii dargaggummaa fi jabinni faayidaa hin qabneef
dhagna kee keessaa hammina baasii gati.
Copyright information for
GazHAHl