Ecclesiastes 4
Cunqursaa, Hojiidhaan Dadhabuu, Michuu Dhabuu
1Ani ammas ilaalee cunqursaa aduudhaa gaditti adeemsifamaa jiru hunda nan arge: Ani imimmaan cunqurfamtootaa nan arge;nama isaan jajjabeessu tokko illees hin qaban;
humni gama cunqursitoota isaanii ture;
isaan nama isaan jajjabeessu tokko illee hin qaban.
2Anis akka warri duʼan,
kanneen kanaan dura duʼan,
jiraattota amma lubbuudhaan jiraatan caalan nan labse.
3Garuu namni hamma ammaatti hin dhalatin
kan hammina aduudhaa gaditti
hojjetamu hin argin,
lachan isaanii irra wayya.
4Anis akka dadhabbiin hojii hundii fi milkaaʼuun hundi hinaaffaa namni ollaa isaa wajjin qabu irraa burqu nan arga. Kunis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu. 5Gowwaan harka isaa maratee taaʼa;
foonuma ofii isaas nyaata.
6Dadhabbii fi bubbee ariʼuudhaan
konyee lama argachuu irra
nagaan konyee tokko argachuu wayya.
7Ani amma illee waan faayidaa hin qabne tokko aduudhaa gaditti nan arge: 8Nama kophaa isaa jiraatu tokkotu jira;
innis ilma yookaan obboleessa hin qabu ture.
Yeroo hunda hojiitti dadhaba;
taʼus iji isaa qabeenya isaa ilaalee quufe hin jedhu.
Innis, “Ani eenyuuf jedheen dadhaba?
Maaliifan gammachuus of laga?” jedhee gaafate.
Kunis faayidaa hin qabu;
hojii buʼaa hin qabnee dha!
9Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif
nama tokko irra nama lama wayya:
10Yoo inni tokko kufe,
inni kaan ol isa qaba.
Garuu namni kufee kan ol isa kaasu hin qabne
garaa nama nyaata!
11Yoo namoonni lama wajjin ciisan itti hoʼa;
nama tokko garuu akkamitti kophaa isaa itti hoʼuu dandaʼa?
12Namni tokko moʼatamuu dandaʼa;
namoonni lama garuu of irraa deebisuu dandaʼu.
Funyoon foʼaa sadiin foʼame dafee hin citu.
Caalanii Argamuun Faayidaa Hin qabu
13Mootii dulloomaa fi gowwaa siʼachi gorsa hin fudhanne irra, dargaggeessa hiyyeessa ogeessa wayya. 14Inni yoo hiyyumaan mootummaa sana keessatti dhalate iyyuu mana hidhaatii baʼee mootii taʼuu dandaʼaatii. 15Ani akka namni aduudhaa gad jiraate hundi dargaggeessa mootii dhaalu sana duukaa buʼe nan arge. 16Baayʼinni nama fuula isaanii dura jiruu hamma hin qabu ture. Warri duubaan dhufan garuu dargaggeessa dhaalu sanatti hin gammanne. Kun hundis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu.
Copyright information for
GazHAHl