Ecclesiastes 5
Waaqa Sodaadhu
1Ati yeroo gara mana Waaqaa dhaqxu tarkaanfii kee eeggadhu. Dhaggeeffachuuf dhiʼaachuun aarsaa gowwootaa dhiʼeessuu caala; isaan akka hammina hojjechaa jiran hin beekaniitii. 2Fuula Waaqaa duratti waan tokko dubbachuufafaan keetiin hin jarjarin;
garaan kees hin ariifatin.
Waaqni samii keessa jira;
ati immoo lafa irra jirta;
kanaafuu dubbiin kee haa gabaabbatu.
3Abjuun baayʼina hojiitiin dhufa; haasaan gowwaas
baayʼina dubbiitiin beekama.
4Ati yeroo wareega tokko Waaqaaf wareegdutti wareega sana of irraa baasuuf lafa irra hin harkifatin. Inni gowwootatti hin gammadu; ati wareega kee of irraa baasi. 5Wareeganii of irraa baasuu dhiisuu mannaa wareeguu dhiisuu wayya. 6Afaan kee cubbuu keessa si hin buusin. Ergamaa mana qulqullummaatiinis, “Wareegni koo dogoggora ture” hin jedhin. Waaqni maaliif waan ati jettetti aaree hojii harka keetii balleessa? 7Abjuun baayʼeenii fi dubbiin baayʼeen faayidaa hin qaban. Kanaafuu Waaqa sodaadhu.
Badhaadhummaan Faayidaa Hin qabu
8Ati yoo hiyyeessa aanaa tokko keessatti hacuucamee murtii qajeelaa fi mirgi dhowwatame argite, waan akkanaa hin dinqisiifatin; qondaalli tokko qondaala isaa oliitiin ilaalaamaatii; isaaniin olittis qondaaltonni biraa jiru. 9Faayidaan lafa irraa argamu kan nama hundaa ti; mootichi mataan isaa iyyuu qonna lafaa irraa fayyadama. 10Nama maallaqa jaalatu kam iyyuu maallaqni isa hin gaʼu;nama qabeenya jaalatu illee galiin isaa isa hin quubsu.
Kunis faayidaa hin qabu.
11Akkuma qabeenyi baayʼatuun,
warri nyaatanis ni baayʼatu.
Yoos abbootiin qabeenyaa
ijumaan ilaaluu malee faayidaa maalii argatu ree?
12Xinnaas nyaatu, guddaas nyaatu,
hirribni hojjetaa tokkoo miʼaawaa dha;
baayʼinni qabeenyaa garuu
sooressa tokko hirriba dhowwa.
13Ani aduudhaa gaditti hammina nama gaddisiisu nan arge; kunis: qabeenya abbuma isaa miidhuuf kuufame,
14yookaan qabeenya milkii dhabuudhaan badee
yeroo namichi sun ilma dhalchetti
ilma isaatiif homaa hin hafinii dha.
15Namni qullaadhuma isaa gadameessa haadha isaatii baʼa;
inni akkuma dhufetti deebiʼee deema.
Inni waan itti dadhabe keessaa
waan tokko illee harkatti qabatee hin deemu.
16Kunis hammina nama gaddisiisuu dha: Namni akkuma dhufetti deema;
inni waan bubbeedhaaf dadhabuuf
faayidaa maalii argata?
17Inni bara jireenya isaa hunda yaaddoo,
dhukkubbii fi aarii guddaadhaan dukkana keessatti nyaata.
18Anis akka namni bara jireenya isaa kan Waaqni isaaf kenne gabaabaa kana keessa nyaatee dhugee hojii isaa kan aduudhaa gaditti itti dadhabe sanatti illee gammaduun isaaf gaarii fi barbaachisaa taʼe nan hubadhe; qoodni isaa kanumaatii. 19Akkasumas Waaqni nama kamiifuu badhaadhummaa fi qabeenya kennee akka inni itti gammadu, akka inni qooda ofii isaa fudhatee hojii ofii isaatti gammadu isa godhuun isaa, kennaa Waaqaa ti. 20Sababii Waaqni garaa isaa gammachuudhaan guuteef inni bara jireenya isaa baayʼee hin yaadatu.
Copyright information for
GazHAHl