Ephesians 1
Nagaa Gaafachuu
1Phaawulos isa fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa, Gara qulqulloota Efesoon jiraatan kanneen Kiristoos Yesuusitti amanamoo taʼanitti: 2Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.Galata Sababii Eebba Kiristoosiin Argamuu
3Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos inni Kiristoosiin eebba hafuuraa hundumaan samii irratti nu eebbise sun haa eebbifamu. 4Inni nu fuula isaa duratti qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne akka taanuuf utuu addunyaan hin uumaminiin dura isaan nu filateeraatii. Jaalalaanis 5akka kaayyoo fedhii isaatti akka nu karaa Yesuus Kiristoosiin ilmaan isaa taanuuf duraan dursee nu murteesse; 6kunis akka ulfinni ayyaana isaa kan inni Ilma isaa jaallatamaa sanaan toluma nuu kenne sun jajamuuf. 7Nus isumaan akkuma badhaadhummaa ayyaana Waaqaatti dhiiga isaatiin furama jechuunis, dhiifama cubbuu arganneerra; 8ayyaana isaas ogummaa fi hubannaa hunda wajjin nuu baayʼise. 9Innis akka nu icciitii fedhii isaa kan akka yaada isaa isa gaarii inni karaa Kiristoosiin karoorfate sana beeknu godhe; 10yaadni isaas yeroo barri murtaaʼe sun guutuutti wantoota samii keessaa fi lafa irra jiran hunda Kiristoos jalatti walitti qabuuf jedhee ti. 11Nus akkuma karoora isa waan hundumaa akka kaayyoo fedhii isaatti hojjetu sanaatti duraan dursee waan murteeffamneef Kiristoosiin dhaala arganneerra; 12kunis akka nu warri Kiristoosin abdachuutti kanneen jalqabaa taane galata ulfina isaa taanuuf. 13Isinis dubbii dhugaa jechuunis wangeela fayyina keessanii dhageessanii Kiristoositti amantanii, Hafuura Qulqulluu waadaa galame sanaan chaappeffamtan; 14innis warri kan Waaqayyoo taʼan galata ulfina isaatiif yeroo furamanitti wanta nu argachuuf jirruuf qabdii keenya.Galateeffachuu fi Kadhachuu
15Kanaafuu ani waaʼee amantii isin Gooftaa Yesuusitti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundaaf qabdanii dhagaʼee 16kadhannaa koo keessatti isin yaadachaa waaʼee keessaniif galateeffachuu hin dhiifne. 17Waaqni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan ulfinaa, akka isin guutummaatti isa beektaniif Hafuura ogummaa fi mulʼataa akka isinii kennu nan kadhadha. 18Abdiin inni itti isin waame maal akka taʼe, badhaadhummaan dhaala qulqullootaa ulfina qabeessi maal akka taʼe akka beektaniif iji qalbii keessanii akka isinii banamu Waaqa nan kadhadha; 19akkasumas humni isaa inni nu warra amannu keessatti hojjetu hammam guddaa akka taʼe akka beektaniifis nan kadhadha. Humni sunis akkuma jabina guddaa 20kan inni ittiin Kiristoosin warra duʼan keessaa kaasee samii irratti mirga ofii teessise sana mulʼisee dha; 21isas ol aantummaa, taayitaa, humna, gooftummaa hundaa fi bara ammaa qofa utuu hin taʼin bara dhufuuf jiru keessa illee maqaa kennamu hundaa olitti mirga ofii teessise. 22Waaqnis waan hunda miilla isaa jala galche; waldaa kiristaanaatiifis mataa waan hundaa godhee isa kenne; 23waldaan kiristaanaa dhagna isaa ti; isheenis guutama isaa kan inni waan hunda karaa hundaan guutuu dha.
Copyright information for
GazHAHl