Ephesians 3
Karoora Gaarii Waaqni Namoota Ormaatiif Qabu
1Sababii kanaaf ani Phaawulos isin Namoota Ormaatiif jedhee hidhamaa Kiristoos Yesuus taʼeera. 2Isin dhugumaan waaʼee hojii ayyaana Waaqaa kan isiniif jedhamee natti kenname sanaa dhageessaniirtu; 3kunis akkuma ani kanaan dura gabaabsee isinii barreessetti icciitii mulʼataatiin natti beeksifame. 4Isin yommuu waan kana dubbiftanitti akka ani waaʼee icciitii Kiristoos beekumsa qabu hubachuu ni dandeessu; 5icciitiin kunis akka amma Hafuuraan ergamootaa fi raajota qulqulloota Waaqaatti mulʼifametti dhaloota kaanitti hin beeksifamne. 6Icciitiin kunis Namoonni Ormaa karaa wangeelaatiin saba Israaʼel wajjin dhaaltota, isaanuma wajjin dhagna tokko, waadaa Kiristoos Yesuusiin kenname keessatti immoo hirmaattota taʼuu isaanii ti. 7Anis kennaa ayyaana Waaqaa kan karaa hojii humna isaatiin naa kennameen tajaajilaa wangeela kanaa taʼeera. 8Ani qulqulloota hundaa gad taʼu iyyuu akka badhaadhummaa Kiristoos kan qoramee bira hin gaʼamne sana Namoota Ormaatti lallabuuf ayyaanni kun naa kennameera; 9akkasumas icciitiin bara dheeraaf Waaqa waan hunda uumeen dhokfamee ture kun maal akka taʼe ani namoota hundaaf akka ibsuuf. 10Kaayyoon isaas akka ogummaan Waaqaa inni dachaa hedduu qabu sun amma karaa waldaa kiristaanaatiin bulchitootaa fi abbootii taayitaa kanneen samii irra jiranitti beeksifamuuf; 11kunis akkuma kaayyoo isaa kan bara baraa kan inni karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin raawwate sanaatti ture. 12Nus isaan, amantii isa irratti qabnuun, ija jabinaa fi amanachuudhaan Waaqatti dhiʼaachuu dandeenya. 13Kanaafuu sababii ani isiniif dhiphachaa jiruuf jettanii akka abdii hin kutanne isin kadhadha; dhiphachuun koo ulfinuma keessan.Kadhannaa Warra Efesooniif Kadhatame
14Sababii kanaaf ani fuula Abbaa duratti nan jilbeenfadha; 15maatiin isaa warri samii irraa fi warri lafa irraa hundinuu maqaa isaanii isa irraa argatu. 16Inni akkuma badhaadhummaa ulfina isaatti karaa Hafuura isaatiin namummaa keessan kan keessaa humnaan akka cimsuuf nan kadhadha; 17akka Kiristoosis karaa amantiitiin garaa keessan keessa jiraatuuf nan kadhadha. Akka isin hidda gad fageeffattanii jaalalaan dhaabattaniifis nan kadhadha; 18isinis jaalalli Kiristoos hammam akka balʼatu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatuu fi hammam akka gad fagaatu qulqulloota hunda wajjin hubachuudhaaf akka humna qabaattaniif, 19akka guutama Waaqaa hundaan guutamtaniifis jaalala Kiristoos kan beekumsaa ol taʼe sana akka beektaniif nan kadhadha. 20Waaqa isa humna isaa kan nu keessatti hojjetu sanaan hamma nu kadhannu yookaan hamma nu yaadnu hundumaa olitti akka malee hojjechuu dandaʼu sanaaf, 21waldaa kiristaanaa keessatti, dhaloota hunda keessattis karaa Kiristoos Yesuusiin bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.
Copyright information for
GazHAHl