Ephesians 5
1Kanaaf akkuma ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqaa duukaa buʼaa; 2akkuma Kiristoos nu jaallatee nuufis jedhee akka aarsaa fi qalma urgaaʼuutti Waaqaaf of kenne sana isinis jaalalaan deddeebiʼaa. 3Garuu waaʼeen halalummaa yookaan xuraaʼummaa gosa kamii iyyuu yookaan waaʼeen doqnummaa gidduu keessanitti hin dhagaʼamin; wanni akkasii qulqulloota Waaqaa biratti hin barbaachisuutii. 4Galateeffachuu malee haasaan qaanii yookaan dubbiin gowwummaa kan faayidaa hin qabne yookaan qoosaan namatti hin tolle isin gidduu hin jiraatin. 5Halaleen yookaan xuraaʼaan yookaan sassattuun jechuunis kan Waaqa tolfamaa waaqeffatu mootummaa Kiristoosii fi kan Waaqaa keessaa akka dhaala tokko illee hin qabne beekaa. 6Namni tokko iyyuu dubbii faayidaa hin qabneen isin hin gowwoomsin; sababii waan akkanaatiif dheekkamsi Waaqaa warra hin ajajamnetti ni dhufaatii. 7Kanaafuu isin waan isaan hojjetan keessatti hin hirmaatinaa. 8Isin dur dukkana turtaniitii; amma garuu Gooftaadhaan ifa taataniirtu. Akka ijoollee ifaatti jiraadhaa; 9iji ifaa gaarummaa, qajeelummaa fi dhugaa hunda keessatti argamaatii; 10waan Gooftaa gammachiisu qoradhaa bira gaʼaa. 11Hojii dukkanaa kan ija hin qabne saaxilaa malee irratti hin hirmaatinaa. 12Waan isaan icciitiin hojjetan dubbachuun iyyuu qaaniidhaatii. 13Wanni ifni sun saaxilu hundinuu garuu ni mulʼata; 14kanaafis, “Ati yaa isa raftu, dammaqi;warra duʼan keessaas kaʼi;
Kiristoos siif ibsaatii” jedhameera.
15Egaa isin akkamitti akka jiraattan jabeessaa of eeggadhaa! Akka ogeeyyiitti jiraadhaa malee akka warra ogeeyyii hin taʼiniitti hin jiraatinaa; 16waan guyyoonni kunneen hamoo taʼaniif baricha furaa. 17Kanaafuu fedhiin Gooftaa maal akka taʼe hubadhaa malee gowwaa hin taʼinaa. 18Daadhii wayiniitiin hin machaaʼinaa; kun jireenya gad dhiisiitti geessaatii. Qooda kanaa Hafuuraan guutamaa; 19faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin wal jalaa qabaa. Garaa keessan keessatti Gooftaaf faarfadhaatii muuziiqaa dhageessisaa; 20yeroo hundas waan hundaaf maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa Abbaa galateeffadhaa.
Qajeelfama Maatiin Kiristaanaa Ittiin Jiraatu
5:22–6:9 kwf – Qol 3:18–4:1
21Sodaa Kiristoosiif qabdaniin waliif ajajamaa. 22Yaa niitota, akkuma Gooftaaf ajajamtanitti dhirsoota keessaniif ajajamaa. 23Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif mataa taʼe sana dhirsi niitiif mataadhaatii; Kiristoos Fayyisaa waldaa kiristaanaa ti; waldaan kiristaanaa immoo dhagna isaa ti. 24Egaa akkuma waldaan kiristaanaa Kiristoosiif ajajamtu, niitonnis waan hundaan dhirsoota isaaniitiif haa ajajaman. 25Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa; 26innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin ishee dhiqee qulleessee akka isheen qulqulluu taatuuf, 27waldaa kiristaanaa ulfina qabeettii, mudaa yookaan suntuura yookaan waan akkanaa tokko illee hin qabnee garuu qulqullooftuu mudaa hin qabne godhee ofitti ishee dhiʼeessuuf waan kana godhe. 28Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata. 29Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif godhu sana namni kam iyyuu foon ofii ni soora; ni kunuunsas malee foon ofii hin jibbu; 30nu kutaalee dhagna isaatii. 31“Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti ni maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.” ▼ 32Kun icciitii guddaa dha; ani garuu waaʼee Kiristoosii fi waaʼee waldaa kiristaanaa dubbadha. 33Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.
Copyright information for
GazHAHl