‏ Ephesians 6

Ijoollee fi Warra Isaanii

1Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. 2Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, “Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni” jedha; 3kunis, “Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf.”

4Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.

Garbootaa fi Gooftota

5Yaa garboota, akkuma Kiristoosiif ajajamtanitti kabajaa fi sodaadhaan, garaa qulqulluunis gooftota keessan warra addunyaa kanaatiif ajajamaa. 6Yeroo iji isaanii isin argutti isaan biratti fudhatama argachuu qofaaf utuu hin taʼin garaa guutuun fedhii Waaqaa raawwachaa akka garboota Kiristoositti isaaniif ajajamaa. 7Akka waan nama tajaajiltaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaa tajaajiltaniitti garaa guutuun hojjedhaa; 8sababiin isaas isin akka Gooftaan tokkoo tokkoo namaatiif garbas taʼu yookaan birmaduu, waan gaarii inni hojjetu kamiif iyyuu gatii kennu ni beektu.

9Yaa gooftota, isinis garboota keessaniif akkasuma godhaa. Isin akka inni isaanii fi isiniif Gooftaa taʼe sun samii irra jiruu fi akka nama wal caalchisuunis isa bira hin jirre waan beektaniif isaan hin doorsisinaa.

Miʼa Lolaa Kan Waaqaa

10Kanaa achi Gooftaa fi humna isaa jabaa sanaan cimaa. 11Haxxummaa diiyaabiloosiin akka mormuu dandeessaniif miʼa lolaa kan Waaqaa guutuu hidhadhaa. 12Walʼaansoon keenya bulchitoota wajjin, abbootii taayitaa wajjin, humnoota addunyaa dukkanaa kanaa fi humnoota hafuura hamaa iddoo samii keessa jiruu wajjin malee foonii fi dhiiga wajjin mitii. 13Kanaafuu akka yommuu guyyaan hamaan sun dhufutti obsaan dhaabachuu dandeessaniif, waan kana hunda gochuunis akka jabaattanii dhaabattaniif miʼa lolaa kan Waaqaa guutuu hidhadhaa. 14Egaa mudhii keessan dhugaan hidhadhaatii, qomee sibiilaa kan qajeelummaas uffadhaatii jabaadhaa dhaabadhaa; 15qophaaʼummaa wangeela nagaa akka kopheetti miilla keessanitti kaaʼadhaa dhaabadhaa. 16Kana hundumaa irrattis gaachana amantii kan xiyya bobaʼaa hamaa sanaa hunda ittiin dhaamsuu dandeessan qabadhaa. 17Qoobii sibiilaa kan fayyinaa kaaʼadhaa; goraadee Hafuuraas qabadhaa; innis dubbii Waaqaa ti.

18Kadhannaa fi waammata gosa hundaa keessatti yeroo hunda Hafuuraan kadhadhaa. Kanas yaadatti qabachaa yeroo hunda dammaqaatii qulqulloota hundaaf jabaadhaa kadhadhaa. 19Yommuun afaan saaqqadhu hunda ija jabinaan icciitii wangeelaa akkan beeksisuuf dubbiin akka naa kennamu anaafis kadhadhaa; 20wangeelli kunis isuma ani isaaf jedhee ergamaa taʼee foncaan hidhamee dha. Isinis akka ani akkuma narraa eegamutti sodaa malee isa lallabuu dandaʼuuf naa kadhadhaa.

Dhaamsa Nagaa Xumuraa

21Xikiqoos obboleessi jaallatamaan, Gooftaattis tajaajilaan amanamaan haala ani keessa jiruu fi maal akka ani hojjechaa jiru akka beektaniif waan hundumaa isinitti hima. 22Anis akka isin haala nu keessa jirru beektanii fi akka inni isin jajjabeessuuf, waanuma kanaaf jedhee ani gara keessanitti isa ergeera.

23Waaqa Abbaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa nagaan, jaalallis amantii wajjin obboloota hundaaf haa taʼu.

24Warra jaalala hin badneen Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosin jaallatan hundaaf ayyaanni haa taʼu.
Copyright information for GazHAHl