Exodus 25:1-7
Kennaa Dunkaana Qulqulluuf Walitti Qabamu
25:1‑7 kwf – Bau 35:4‑9
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 2“Akka isaan kennaa naa fidaniif saba Israaʼelitti himi. Nama garaa isaa guutuudhaan kennuu fedhu hunda harkaa kennaa naa fuudhaa. 3“Kennaan isaan harkaa fuutanis: “Warqee, meetii fi naasii;4kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi wayyaa haphii quncee talbaa irraa hojjetame;
rifeensa reʼee;
5gogaa korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, gogaa duugame,
muka laaftoo,
6ibsaadhaaf, zayitii ejersaa,
urgooftuuwwan immoo zayitii dibatamuu fi ixaana urgaaʼuuf;
7dhagaawwan sardooniksii, dooqa gati jabeessa, dirataa fi qomee irratti kaaʼatamuu dha.
Copyright information for
GazHAHl