‏ Exodus 35:30-35

Bezaliʼeelii fi Oholiiyaab

35:30‑35 kwf – Bau 31:2‑6

30Yommus Museen saba Israaʼeliin akkana jedhe; “Ilaa Waaqayyo gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri ilma Huuri filateera; 31Hafuura Waaqaatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera. 32Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf, 33akka dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf. 34Waaqnis Bezaliʼeelii fi Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sanaaf dandeettii isaan ittiin warra kaan barsiisan kenne. 35Akka isaan ogeeyyii hojii harkaa, bifa baastotaa fi warra kirrii bifa cuquliisaatiin, dhiilgeen, bildiimaa fi quncee talbaa baʼeessaan miidhagsanii fi wayyaa dhooftota hundi isaanii ogeeyyii hojii harkaatii fi bifa baastota taʼaniif ogummaa hojii gosa hundaa hojjechuutiin isaan guute.
Copyright information for GazHAHl