‏ Exodus 35:4-9

Miʼa Dunkaana Qulqulluu

35:4‑9 kwf – Bau 25:1‑7

35:10‑19 kwf – Bau 39:32‑41

4Museenis waldaa Israaʼel guutuudhaan akkana jedhe; “Wanni Waaqayyo ajaje kana: 5Waan qabdan irraa Waaqayyoof kennaa dhiʼeessaa. Namni fedhii qabu hundinuu:

“kennaa warqee, meetii fi naasii Waaqayyoof haa fidu.
6Kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa gaarii,
rifeensa reʼee,
7gogaa korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphamee fi gogaa duugame,
muka laaftoo,
8ibsaadhaaf zayitii ejersaa,
zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼuuf immoo urgooftuuwwan,
9dhagaawwan sardooniksii, dooqa gati jabeessa, dirataa fi qomee irratti kaaʼatamu kan biraa haa fidu.
Copyright information for GazHAHl