‏ Ezekiel 1

Uumamawwan Jiraatoo fi Ulfina Waaqayyoo

1Waggaa soddommaffaa keessa, bultii shanaffaa jiʼa afuraffaatti utuu ani Laga Kebaar biratti boojiʼamtoota gidduu jiruu samiiwwan ni banaman; anis mulʼata Waaqaa nan arge.

2Jiʼa sana keessaas bultii shanaffaatti jechuunis Yehooyaakiin Mootichi boojiʼamee waggaa shanaffaatti, 3dubbiin Waaqayyoo Laga Kebaar biratti biyya Baabilonotaa keessatti gara Hisqiʼeel lubicha ilma Buuz dhufe. Achittis harki Waaqayyoo isa irra ture.

4Anis milʼadhee bubbee hamaa karaa kaabaatiin dhufaa jiru jechuunis duumessa guddaa balaqqeessa ifuu fi ifa guddaan marfame tokkon arge. Wiirtuun ibidda sanaas sibiila ibiddaan diimeffame fakkaata ture; 5ibidda sana keessas waan uumamawwan jiraatoo afur fakkaatu tokkotu ture. Bifti isaas bifa namaa fakkaata ture; 6tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afurii fi qoochoo afur afur qabu turan. 7Miilli isaanii qajeelaa dha; faanni isaanii immoo kottee jabbii fakkaatee akka naasii dibameetti ni calaqqisa ture. 8Qoochoo isaanii jalaanis qixa afraniin harka namaa qabu ture. Afran isaanii hundi fuulaa fi qoochoo qabu turan; 9qoochoon isaaniis wal tuqa ture. Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti deeman; yeroo deemanittis of duuba hin milʼatan ture.

10Fuulli isaanii kana fakkaata ture: Afran isaanii iyyuu tokkoon tokkoon isaanii fuula namaa qabu ture; karaa mirgaatiin tokkoon tokkoon isaanii fuula leencaa, karaa bitaatiin immoo fuula qotiyyoo qabu ture; akkasumas tokkoon tokkoon isaanii fuula risaa qabu ture. 11Egaa fuulli isaanii akkas ture. Qoochoon isaaniis ol diriirfama ture. Tokkoon tokkoon isaanii qoochoo lama lama qabu ture. Qoochoo tokkoo tokkoo isaanii karaa lamaaniinuu qoochoo uumama kaanii tuqa; qoochoon lama immoo dhagna isaa haguuga ture. 12Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti ni deeman. Isaanis utuu of irra hin milʼatin iddoo hafuurri deemu hunda dhaqu turan. 13Bifti uumamawwan jiraatoo sanaa cilee ibiddaa kan bobaʼu yookaan guca bobaʼu fakkaata ture. Uumamawwan sana gidduus ibiddi asii fi achi sosochoʼa ture; ni ifas ture; bakakkaanis isa keessaa ni baʼa ture. 14Uumamawwan sunis akka ifa bakakkaa asii fi achi darbatamu ture.

15Anis akkuman uumamawwan jiraatoo sana ilaaleen tokkoo tokkoo uumama fuula afur afur qabu sanaa cinatti geengoo tokko tokko nan arge. 16Biftii fi haalli geengoowwan sun ittiin hojjetamaniis akkana ture: Isaanis akka dhagaa gati jabeessa biiralee jedhamuu calaqqisu ture; afran isaanii hundinuu wal fakkaatu ture. Tokkoon tokkoon geengoo sanaa waan geengoo kaanitti diramee hojjetame fakkaata ture. 17Isaanis yommuu deemanitti utuu of irra hin milʼatin kallattii afran kamiin iyyuu deeman; yommuu uumamawwan sun deemanis geengoowwan kallattii hin geeddaratan ture. 18Qarqarri geengoowwan sanaas ol dheeraa fi sodaachisaa ture; qarqarri geengoowwanii afranuus guutumaan guutuutti ijaan marfamanii turan.

19Yeroo uumamawwan jiraatoon sun deemanitti geengoowwan isaan cinaan jiranis ni deeman; yommuu uumamawwan jiraatoon ol kaʼanitti geengoowwanis ol kaʼan. 20Iddoo hafuurri dhaqu hundas ni dhaqu ture; sababii hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa geengoowwan keessa jiruuf geengoowwanis isaan wajjin ol kaʼan. 21Yommuu uumamawwan sun deemanitti isaanis ni deeman; yommuu uumamawwan dhaabatanitti isaanis ni dhaabatan; sababii hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa geengoowwan keessa jiruuf yommuu uumamawwan sun lafaa ol kaʼanitti geengoowwanis isaanuma wajjin ol kaʼan.

22Mataa uumamawwan jiraatoo sanaatiin ol waan akka bantii samii kan akka bilillee calaqqisuu fi kan nama sodaachisu tokkotu diriirfamee ture. 23Bantii samii sana jalatti qoochoowwan isaaniis walitti diriirfamanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis qoochoowwan ittiin dhagna isaanii haguuggatan lama lama qabu turan. 24Yeroo uumamawwan sun deemanitti ani sagalee qoochoowwan isaanii nan dhagaʼe; sagaleen kunis sagalee akka bishaan guutee huursuu, akka sagalee Waaqa Waan Hunda Dandaʼuutii fi akka waca tuuta loltootaa ture. Isaan yeroo dhaabatan qoochoowwan isaanii gad qabatu ture.

25Akkuma isaan qoochoo isaanii gad qabatanii dhaabataniinis bantii samii kan mataa isaaniitiin ol jiru sana irraa sagaleen tokko dhufe. 26Bantii samii kan mataa isaaniitii ol jiru gubbaa waan akka teessoo sanpeer fakkaatu tokkotu ture; teessoo sanaa olittis fakkaattii akka fakkaattii namaa tokkotu ture. 27Anis waan mudhii isaa fakkaatuun olitti sibiila diimeffamee ibidda fakkaatu kan ibiddaan guutame tokko nan arge; waan mudhii isaa fakkaatu sanaan gadittis inni ibidda fakkaata ture; ifni guddaanis isa marsee ture. 28Gonfoon ifaa kan naannoo isaa ture sunis bifa sabbata Waaqaa kan guyyaa roobni roobuu fakkaata ture.

Kunis bifa fakkaattii ulfina Waaqayyoo ture. Anis yeroon waan kana argetti addaan lafatti gombifamee sagalee waan dubbachaa jiru tokkoo nan dhagaʼe.
Copyright information for GazHAHl