‏ Ezekiel 22

Cubbuu Yerusaalem

1Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:

2“Yaa ilma namaa, isheetti murtaa? Magaalaa dhiiga dhangalaaftu kanatti ni murtaa? Yoos hojii ishee jibbisiisaa sana itti himi; 3akkanas jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa magaalaa of keessatti dhiiga dhangalaasuudhaan badii ofitti fiddee waaqota tolfamoo tolchuudhaan of xureessitu, 4ati sababii dhiiga dhangalaafte sanaatiif yakka hojjetteerta; sababii waaqota tolfamoo tolchiteef immoo xuroofteerta. Ati bara kee gabaabsiteerta; xumuramuun bara keetiis dhiʼaateera. Kanaafuu ani namoota ormaa biratti tuffatamtuu, biyyoota hundaaf immoo waan qoosaa sin taasisa. 5Yaa magaalaa salphatee gooliin si keessa guute, warri dhiʼoo fi fagoo jiraatan sitti qoosu.

6“ ‘Akka tokkoon tokkoon ilmaan moototaa kanneen si keessa jiraatan humna isaaniitti fayyadamanii dhiiga dhangalaasan ilaali. 7Abbootii fi haadhonni si keessatti salphifaman; alagoonni ni hacuucaman; ijoolleen abbaa hin qabnee fi haadhonni hiyyeessaa si keessatti miidhaman. 8Ati miʼoota koo qulqulluu tuffattee Sanbata koos xureessite. 9Namoonni dhiiga dhangalaasuuf maqaa nama balleessan si keessa jiru; warri galma waaqeffannaa tulluuwwan irraattii nyaatanii fi sagaagalan si keessa jiru. 10Namoonni siree abbaa isaanii xureessan si keessa jiru; namoonni dubartoota xurii jiʼaa qaban kanneen akka seeraatti qulqulluu hin taʼin wajjin ciisanis si keessa jiru. 11Si keessatti namni tokko niitii ollaa isaa wajjin waan jibbisiisaa hojjeta; kaan haala fokkisaadhaan niitii ilma isaa xureessa; kaan immoo obboleettii isaa, intaluma abbaa isaa xureessa. 12Namoonni dhiiga dhangalaasuuf jedhanii si keessatti mattaʼaa fudhatu; atis hiiqii fi dhala fudhachuudhaan ollaa kee irraa buʼaa hin malle argachaa jirta. Ati na irraanfatteerta, jedha Waaqayyo Gooftaan.

13“ ‘Ani dhugumaan buʼaa ati karaa hin malleen argattee fi dhiiga ati gidduu keetti dhangalaafte sanaaf harka koo walitti nan rurrukuta. 14Gaafa ani si adabutti garaan kee jabaatee dhaabachuu yookaan harki kee humna qabaachuu dandaʼaa? Ani Waaqayyo dubbadheera; waan kanas nan godha. 15Ani saboota keessa sin bittinneessa; biyyoota keessas sin facaasa; xuraaʼummaa kees sirraa nan qulqulleessa. 16Ati yeroo fuula sabootaa duratti xurooftetti akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta.’ ”

17Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 18“Yaa ilma namaa, manni Israaʼel udaan sibiilaa natti taʼeera; hundi isaanii naasii, qorqorroo, sibiilaa fi dilaalii boolla ibiddaa keessatti dhiifame natti taʼaniiru. Isaan udaanuma meetiiti malee homaa miti. 19Kanaafuu Waaqayyo gooftaan akkana jedha: ‘Sababii hundi keessan udaan sibiilaa taataniif, ani Yerusaalem keessatti walittan isin qaba. 20Akkuma namoonni meetii, naasii, sibiila, dilaalii fi qorqorroo baqsuuf jedhanii boolla ibiddaatti guuran sana, anis aarii fi dheekkamsa kootiin walitti isin qabee magaalaa keessatti isinan baqsa. 21Ani walitti isin qabee ibidda dheekkamsa kootii isinitti nan buufa; isinis ishee keessatti ni baqfamtu. 22Akkuma meetiin boolla ibiddaa keessatti baqfamu sana, isinis ishee keessatti ni baqfamtu; akka ani Waaqayyo dheekkamsa koo isinitti roobses ni beektu.’ ”

23Ammas dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 24“Yaa ilma namaa biyya sanaan, ‘Ati biyya hin qulqulleeffamin yookaan kan bara dheekkamsaa keessa bokkaan itti hin roobinii dha’ jedhi. 25Ilmaan mootota ishee akkuma leenca waan adamsate ciccirachaa aaduu ti; isaan saba nyaatu; qabeenyaa fi miʼoota gatii guddaa saamuudhaan dubartoota hedduu dhirsa malee hambisu. 26Luboonni ishee seera koo cabsanii miʼoota koo qulqulluu xureessu; isaan waan qulqullaaʼee fi waan hin qulqullaaʼin gargar hin baasan; kan hin qulqullaaʼinii fi kan qulqullaaʼe gidduu garaa garummaan hin jiru jedhanii barsiisu; akka ani isaan gidduutti tuffatamuuf Sanbatoota koo eeguu irraa ija isaanii dunuunfatu. 27Ishee keessatti qondaaltonni ishee akkuma yeeyyiiwwan waan adamsatan ciccirachaa jiranii ti; isaan buʼaa hin malle argachuuf jedhanii dhiiga dhangalaasu; namootas ni ajjeesu. 28Raajonni ishees hojii kana mulʼata sobaatii fi raajii sobaatiin haguugu. Isaan utuma Waaqayyo hin dubbatin, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ jedhu. 29Sabni biyya sanaa ni cunqursu; ni saamus; murtii qajeelaa gananii hiyyeeyyii fi rakkattoota hacuucu; alagootas ni miidhu.

30“Nama akka ani biyyattii hin balleessineef dallaa ijaaree biyyattiidhaaf jedhee karaa qaawwaatiin fuula koo dura dhaabatu isaan gidduu nan barbaade; garuu nama tokko illee hin arganne. 31Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee ibidda aarii kootiitiin isaan nan fixa; waan isaan godhan hunda mataa isaaniitti nan fida, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
Copyright information for GazHAHl