‏ Ezekiel 25

Raajii Amooniin Mormuudhaan Dubbatame

1Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 2“Yaa ilma namaa, fuula kee gara Amoonotaatti garagalfadhuutii isaaniin mormuudhaan raaji. 3Akkanas isaaniin jedhi; ‘Dubbii Waaqayyo Gooftaa dhagaʼaa. Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yeroo iddoon koo qulqulluun xureeffametti, yeroo biyyi Israaʼel onetti, yeroo uummanni Yihuudaa boojiʼamee fudhatametti, “Baga!” jettaniirtuutii; 4kanaafuu ani saba baʼa biiftuutti handhuuraa godheen dabarsee isin kenna. Isaan gidduu keessanitti qubata hundeeffatanii dunkaana isaanii ni dhaabbatu; isaan midhaan keessan nyaatu; aannan keessanis ni dhugu. 5Magaalaa Rabbaa iddoo gaalli dheedu, Amoon immoo iddoo hoolaan boqotu nan godha. Ergasiis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu. 6Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Isin jalʼina garaa keessaniitiin badiisa biyya Israaʼelitti gammaduudhaan harka keessan walitti rurrukuttanii miilla keessaniin lafa dhidhiittaniirtuutii; 7kanaafuu ani harka koo isinitti diriirfadhee boojuuf dabarsee sabootatti isinan kenna. Ani saboota irraa isin kutee biyyoota keessaa isinan balleessa. Ani isinan barbadeessa; isinis akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’ ”

Raajii Moʼaabiin Mormuudhaan Dubbatame

8Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Moʼaabii fi Seeʼiir, “Kunoo manni Yihuudaa akkuma saboota biraa hundaa taʼe” jedhaniiruutii; 9kanaafuu magaalaawwan daangaa biyyattii irra jiran kanneen ishee kabajamsiisan jechuunis Beet Yashiimooti, Baʼaal Meʼoonii fi Kiriyaataayimii jalqabee hamma Moʼaabitti jiran qullaa nan hambisa. 10Ani akka Amoononni saboota gidduutti hin yaadatamneef Moʼaabotaa fi Amoonota handhuuraa godhee uummata baʼaatti nan kenna; 11anis Moʼaabin nan adaba. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’ ”

Raajii Edoomiin Mormuudhaan Dubbatame

12Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Sababii Edoom mana Yihuudaatti haaloo baʼee waan kana gochuudhaan yakka guddaa hojjeteef, 13Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani Edoomitti harka koo diriirfadhee namoota isheetii fi horii isaanii nan fixa. Ani ishee nan onsa; isaanis Teemaanii hamma Dedaaniitti goraadeedhaan ni dhumu. 14Ani harka saba koo Israaʼeliin Edoomitti haaloo nan baʼa; isaanis akkuma aarii fi dheekkamsa kootiitti Edoomin adabu; Edoomis haaloo baafachuu koo ni beekti, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”

Raajii Filisxeemiin Mormuudhaan Dubbatame

15Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Sababii Filisxeemonni didhaan kakaʼanii garaa hamminaatiin haaloo baʼanii fi sababii isaan diinummaa duriitiin Yihuudaa balleessuu barbaadaniif, 16Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani harka koo diriirfadhee Filisxeemota nan balleessa; Kereetota nan balleessa; warra qarqara galaanaatti hafan nan barbadeessa. 17Ani haaloo guddaa isaanitti baʼee dheekkamsa kootiin isaan nan adaba. Yeroo ani haaloo isaan baʼutti isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’ ”
Copyright information for GazHAHl