‏ Ezekiel 30

Faaruu Booʼichaa Gibxiif Faarsame

1Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 2“Yaa ilma namaa raaji; akkanas jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Wawwaadhuutii akkana jedhi;
“Guyyaa sanaaf wayyoo!”
3Guyyaan sun dhiʼoo dha;
Guyyaan Waaqayyoo dhiʼoo dha;
innis guyyaa duumessaa,
sabootaaf immoo yeroo badiisaa ni taʼa.
4Gibxitti goraadeen ni dhufa;
Itoophiyaatti immoo dhiphinni ni dhufa.
Yommuu warri qalaman Gibxi keessatti kukkufanitti,
qabeenyi ishee saamamee fudhatama;
hundeewwan ishee immoo ni diigamu.

5Itoophiyaa fi Fuuxi, Luudii fi biyyi Arabaa hundi, Liibiyaa fi uummanni biyya kakuu Gibxi wajjin goraadeedhaan ni dhumu.

6“ ‘Waaqayyo akkana jedha: “ ‘Tumsitoonni Gibxi ni kufu;
humni isheen ittiin boontu ni dadhaba.
Migdoolii hamma Aswaanitti,
isaan ishee keessatti goraadeedhaan ni dhumu,
jedha Waaqayyo Gooftaan.
7Isaan biyyoota onan gidduutti, onanii hafu;
magaalaawwan isaaniis
magaalaawwan diigaman
gidduutti argamu.
8Yommuu ani Gibxitti ibidda qabsiisee
warri ishee gargaaran hundi barbadaaʼanitti,
isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.

9“ ‘Gaafas namoota Itoophiyaa kanneen yaaddoo malee jiraatan sodaachisuuf, ergamoonni dooniidhaan na biraa ni baʼu. Guyyaa badiisa Gibxitti dhiphinni isaan qabata; wanni kun dhugumaan ni dhufaatii.

10“ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Ani harka Nebukadnezar mooticha Baabiloniin
namoota Gibxi hedduu nan barbadeessa.
11Innii fi loltoonni isaa kanneen saboota keessaa

akka malee hamoo taʼan,
akka biyyattii balleessaniif ni fidamu.
Isaanis goraadee isaanii Gibxitti luqqifatanii
reeffaan biyyattii guutu.
12Ani bishaan Abbayyaa nan gogsa;
biyyattiis namoota hamootti nan gurgura;
harka alagootaatiin biyyattii fi
waan ishee keessa jiru hunda nan onsa.

Ani Waaqayyo dubbadheera.

13“ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Ani waaqota tolfamoo nan balleessa;
fakkiiwwan Memfiis keessa jiranis nan facaasa.
Siʼachi Gibxi keessatti bulchaan hin argamu;
biyyattii guutuu keessas sodaa nan buusa.
14Phaxroosin nan onsa;
Zooʼaanitti ibidda nan qabsiisa;
Tebesiin immoo nan adaba.
15Daʼannoo Gibxi jabaa jechuunis
Siin irratti dheekkamsa koo nan dhangalaasa;
uummata Tebesi hedduu sana illee nan balleessa.
16Ani Gibxitti ibidda nan qabsiisa;
Siin dhiphinaan raafamti.
Tebesi dambaliidhaan ni fudhatamti;
Memfiis dhiphina wal irraa hin cinneen ni dhiphatti.
17Dargaggoonni Aawwenii fi
Phii-Beseti goraadeedhaan dhumu;
magaalaawwan mataan isaanii iyyuu ni boojiʼamu.
18Yommuu ani waanjoo Gibxi cabsutti,
Tahiphaanheesitti guyyaan ni dukkanaaʼa;
humni isheen ittiin boontus ni laafa.
Isheen hurriidhaan haguugamti;
gandoonni ishee immoo ni boojiʼamu.
19Kanaafuu ani Gibxiin nan adaba;
isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’ ”

20Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa torbaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 21“Yaa ilma namaa, ani irree Faraʼoon mooticha Gibxi cabseera. Inni akka fayyuuf hin hidhamne yookaan shambaqqoon hidhamee akka jabaatee goraadee qabachuu dandaʼu hin godhamne. 22Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani Faraʼoon mooticha Gibxitti kaʼeera. Ani irree isaa lachanuu, isa fayyaa, isa cabe sana illee cabsee akka goraadeen harka isaatii buʼu nan godha. 23Ani namoota Gibxi saboota gidduutti nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa. 24Irree mootii Baabilon nan jabeessa; goraadee koos harka isaa keessa nan kaaʼa; irree Faraʼoon garuu nan cabsa; innis fuula isaa duratti akkuma nama akka malee madaaʼeetti ni aada. 25Irree mootii Baabilon nan jabeessa; irreen Faraʼoon garuu ni laafa. Yommuu ani goraadee koo harka mootii Baabilon keessa kaaʼee inni immoo Gibxitti isa mirmirsutti isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku. 26Ani namoota Gibxi saboota gidduu nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
Copyright information for GazHAHl