‏ Ezekiel 31

Gaattiraa Libaanoon

1Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa sadaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 2“Yaa ilma namaa, Faraʼoon mooticha Gibxii fi tuuta namoota isaatiin akkana jedhi: “ ‘Surraadhaan eenyutu siin qixxaata?
3Kunoo Asoor akka birbirsa Libaanoon
kan dameewwan mimmiidhagoo qabuu fi

bosonaaf gaaddisa taʼee
akka malee ol dheeraa fi
kan fiixeen isaa duumessa tuqe ture.
4Bishaan isa biqilche;
burqaawwan gad fagoon immoo isa guddise;
lageen isaanii
hidda isaa hunda marsanii yaaʼanii
bishaan isaanii
gara mukkeen bosonaa hundaatti ergu.
5Kanaafuu inni mukkeen bosonaa hundaan olitti
akka malee ol dheerate;
lataan isaa ni baayʼate;
dameen isaas ni guddate;
inni bishaan baayʼee argatee babalʼateeraatii.
6Simbirroonni samii hundi
damee isaa irratti manʼee ijaarratan;
bineensonni dirree hundi
damee isaa jalatti dhalan;
saboonni gurguddaan hundinuus,
gaaddisa isaa jala jiraatan.
7Inni sababii hidda isaa
gara bishaan baayʼeetti gad fageeffateef,
dameewwan isaa kanneen babalʼatan wajjin
akka malee miidhagaa ture.
8Gaattiraawwan iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiran
isa gituu hin dandeenye;
yookaan mukkeen birbirsaa
dameewwan isaatiin hin qixxaatan;
mukni waddeessaas
dameewwan isaatiin hin qixxaatu;
mukni iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiru tokko iyyuu
miidhagina isaatiin wal bira hin qabamu.
9Ani dameewwan baayʼeedhaan
isa nan miidhagse;
mukkeen Eeden

kanneen iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiran hundi
isatti hinaafan.

10“ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii inni ol dheeratee fiixeen isaa duumessa tuqee inni dheerina isaatiin of tuuleef, 11akka inni waan hammina isaatiif malu isaaf kennuuf, ani dabarseen bulchaa sabootaatti isa kenne. Darbadhees isa nan gate; 12alagoonni akka malee hamoonis cicciranii isa gatan. Lataawwan isaa gaarran irraa fi sululawwan keessatti harcaʼa; dameewwan isaa immoo cicciramanii boʼoowwan bishaanii hunda keessa buʼan. Saboonni lafaa hundi gaaddisa isaa jalaa baʼanii isa dhiisanii deeman. 13Simbirroonni samii hundi muka jige sana irra qubatan; bineensonni dirree hundinuus dameewwan isaa gidduu turan. 14Kanaafuu mukni bishaan bira jiru kam iyyuu akka malee hin guddatu yookaan fiixeen isaa duumessa hin tuqu. Mukni akkasitti bishaan quufe kam iyyuu akkas ol dheeratee hin beeku. Isaan hundi warra duʼanii boolla qileetti gad buʼan wajjin akka duʼan itti murteeffameera.

15“ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhe: Guyyaa inni awwaalametti ani isaaf jedhee burqaawwan gad fagoo gaddaan nan guute; lageen isaa nan ittise; bishaan isaa guddichis yaaʼuu dhiise. Sababii isaatiif ani Libaanoonitti dukkana nan uffise; mukkeen dirree hundis ni gogan. 16Yommuu ani warra boolla buʼan sanatti dabalee awwaala keessa isa buusutti sagalee kufaatii isaatiin ani saboota nan hollachiisa. Ergasiis mukkeen Eeden kanneen Libaanoon keessaa filatamoo fi kan addaa taʼan hundi, mukkeen akka gaarii bishaan obaafaman hundi boolla keessatti jajjabeeffaman. 17Warri gaaddisa isaa jala jiraatan kanneen saboota gidduudhaa isaaf tumsan, warra goraadeedhaan ajjeefamanitti makamuuf isa wajjin awwaala keessa buʼan.

18“ ‘Mukkeen Eeden keessaa kan ulfinaa fi surraadhaan siin qixxaatu kami? Taʼu iyyuu mukkeen Eeden wajjin boolla buuta; ati warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin, namoota dhagna hin qabatin gidduu ciifta.

“ ‘Kun Faraʼoonii fi waldaa uummata isaa hunda, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
Copyright information for GazHAHl