‏ Ezekiel 19

Faaruu Booʼichaa

1“Waaʼee ilmaan mootota Israaʼeliif faarsii booʼi; 2akkanas jedhi: “ ‘Haati kee leencota gidduutti,
leenca akkamii turte!
Isheen leencota gidduu ciiftee
ilmoolee ishee guddifatte.
3Ilmoolee ishee keessaas tokko guddifatte;
innis leenca jabaa taʼe.
Inni waa adamsee ciccirachuu barate;
namootas nyaate.
4Saboonni waaʼee isaa dhagaʼan;
inni boolla isaanii keessatti qabame.
Isaan hokkoodhaan harkisanii
gara biyya Gibxitti isa geessan.

5“ ‘Isheen yommuu akka abdiin ishee hin guutamin,
akka wanni isheen yaaddes hin milkaaʼin argitetti,
ilmoolee ishee keessaa kan biraa fudhattee
leenca jabaa gootee guddifte.
6Inni leencota gidduu biddiiqe;
leenca jabaa taʼeeraatii.
Inni waa adamsee ciccirachuu barate;
namootas nyaate.
7Inni daʼannoo isaanii diige;
magaalaawwan isaaniis onse.
Biyyattii fi kanneen ishee keessa jiraatan hundi
aaduu isaatiin raafaman.
8Ergasii saboonni warri kutaalee biyya naannoo
sanaa jiran isatti kaʼan.
Isaanis kiyyoo isaanii isa duratti diriirsan;
innis boolla isaanii keessatti qabame.
9Isaan hokkoodhaan qabanii mana shiboo keessa isa kaaʼan;
gara mootii Baabilonitti isa fidan.
Mana hidhaatti isa galchan;
kanaafuu aaduun isaa
tulluuwwan Israaʼel irratti ergasii hin dhagaʼamne.

10“ ‘Haati kee akkuma wayinii
lafa qotiisaa kee keessa bishaan bira dhaabatee ti;
biqiltuun sunis sababii bishaan baayʼee argatteef
mistee damee hedduu baaffatte.
11Dameewwan isaas jajjaboo
bokkuu bulchaatiif taʼan turan.
Isheen baalawwan gobbatan gidduutti
ol dheerina isheetii fi
baayʼina dameewwan isheetiin
ol dheerattee mulʼatti turte.
12Isheen garuu aariidhaan buqqifamtee
lafatti gatamte.
Bubbeen baʼa biiftuu ishee gogsee
ija ishee irraa harcaase;
dameewwan ishee ciccimoonis ni coollagan;
ibiddis isaan fixe.
13Amma isheen gammoojjii keessa,
lafa gogaa dheebote irra dhaabamte.
14Damee ishee tokko keessaa ibiddi baʼee
ija ishee fixe.
Dameen jabaan bokkuu bulchaatiif taʼu
tokko iyyuu ishee irratti hin hafne.’

Kun faaruu booʼichaa kan booʼichaaf itti fayyadamanii dha.”
Copyright information for GazHAHl