Ezekiel 40
Mana Qulqullummaa Haaraa
1Waggaa digdamii shanaffaa boojiʼamuu keenyaa keessa, waggaa jalqabaatti, jiʼa kurnaffaatti, erga magaalattiin diigamtee booddee waggaa kudha afuraffaatti, guyyuma sana harki Waaqayyoo narra ture; innis achi na geesse. 2Mulʼata Waaqaatiinis gara biyya Israaʼel na geessee tulluu baayʼee ol dheeraa irra na dhaabe; karaa kibba isaatiinis waan ijaarsa magaalaa fakkaatanitu ture. 3Inni achi na geesse; anis nama bifti isaa naasii fakkaatu tokko nan arge; innis harka isaatti funyoo foʼaa quncee talbaatii fi ulee safaraa qabatee balbala dura ijaajjaa ture. 4Namichi sunis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, ati sababii kanaaf waan as fidamteef, ija keetiin ilaali; gurra keetiinis dhagaʼiitii waan ani sitti argisiisu hunda hubadhu. Mana Israaʼelittis waan argite hunda himi.”Karra Baʼa Biiftuu
5Anis dallaa guutumaan guutuutti lafa mana qulqullummaa marsee jiru tokko nan arge. Dheerinni ulee ittiin safaran kan harka namicha sanaa keessa ture dhundhuma jaʼaa dha; tokkoon tokkoon dhundhuma sanaa dhundhuma tokkoo fi balʼina barruu harkaa tokko ture. Innis dallaa sana safare; dallaan sunis ulee safartuu tokko yabbatee ulee safartuu tokko ol dheerata ture. 6Ergasii inni gara balbala gara baʼaa ilaaluutti dhufe. Gulantaawwanitti ol baʼee waltajjii balbalaa safare; innis ulee safartuu tokko gad fagaata ture. 7Sireewwan eegumsaa ol dheerinni isaanii ulee tokko, balʼinni isaanii immoo ulee tokko ture; keenyan manneen gidduu turanis dhundhuma shan yabbatu ture. Dooyaan karraa kan gardaafootti aanee gara mana qulqullummaatti garagalu sunis ulee safartuu tokko gad fagaata ture. 8Sana booddee inni gardaafoo balbalaa safare; 9balballi sunis dhundhuma saddeet gad fagaatee tuggeewwan isaas dhundhuma lama furdatu turan. Gardaafoon balbala sanaa gara mana qulqullummaatti garagala ture. 10Karra gara baʼa biiftuu jiru keessa bitaa fi mirgaan manneen waardiyyootaa sadii sadiitu ture; sadan isaanii iyyuu wal qixxee turan. Tuggeewwan gama lamaan jiranis waluma qixxee turan. 11Ergasii inni balʼina balbala ittiin ol seenanii safare; innis dhundhuma kudhan ture; dheerinni isaa immoo dhundhuma kudha sadii ture. 12Tokkoo tokkoo mana waardiyyaa dura keenyan dhundhuma tokko ol dheeratutu ture; manneen kunneenis gama lamaaniin dhundhuma jaʼa jaʼa turan. 13Ergasiis inni bantii keenyan manichaa kan boroo irraa jalqabee hamma bantii kaaniitti balbala sana safare; wal irraa fageenyi isaas balbala tokko irraa hamma balbala kaaniitti dhundhuma digdamii shan ture. 14Akkasumas balbala ittiin ol seenan safare; innis dhundhuma jaatama taʼe; safarri sunis hamma utubaa gara oobdii ilaalu sanaatti taasifame. 15Fageenyi balbala ol seensisuu jalqabee hamma dhuma gardaafootti jirus dhundhuma shantama taʼe. 16Kutaawwan manichaatii fi keenyan isaa karaa ittiin ol seenaniin foddaa gama lachuutiin dhiphachaa deemu qabu ture; gardaafoon sunis akkasuma naannaʼee gara keessaatiin foddaa qaba ture; utubaawwan sun immoo muka meexxiitiin faayeffamanii turan.Oobdii Alaan Jiru
17Ergasii inni gara oobdii alaatti na fide. Achittis dareewwanii fi karaa dhagaadhaan tolfame tokko naannoo oobdiitti nan arge; qarqara karaa sanaas daree soddomatu ture. 18Karaan sunis balbala sana bira ture; balʼinni isaas hamma ol dheerina balbalawwanii ture; karaan kunis karaa isa gad aanuu dha. 19Sana booddee balbala gad aanu keessaa jalqabee hamma oobdii isa keessaa kan gara alaatti fageenya isaa safare; innis karaa baʼaatii fi karaa kaabaatiin dhundhuma dhibba tokko ture.Karra Kaabaa
20Ergasii inni lafa irra dheerinaa fi balʼina karra gara kaabaa ilaalu kan gara oobdii alaatti baasuu safare. 21Safarri utubaawwanii fi gardaafoo manneen waardiyyaa kanneen bitaa mirgaan dareewwan sadii sadii qaban sanaas kan karra jalqabaa wajjin wal qixxee ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture. 22Foddaawwan isaanii, gardaafoowwan isaaniitii fi faaya isaanii kan muka meexxii irraa hojjetame safarri isaanii safara karra gara baʼaa ilaalu wajjin wal qixxee ture. Gulantaawwan gara karra sanaatti geessan torbatu ture; fuullee isaanii immoo gardaafoo isaatu ture. 23Akkuma karra karaa baʼaatiin ture sanaa karra gara kaabaa ilaalu kan gara oobdii keessaatti geessu tokkotu ture. Innis karra tokko irraa jalqabee hamma karra fuullee isaa jiruutti safare; innis dhundhuma dhibba tokko ture.Karra Kibbaa
24Innis gara kibbaatti na geesse; anis karra gara kibbaa ilaalu nan arge. Innis utubaawwanii fi gardaafoowwan isaa safare; safarri isaaniis safara warra kaanii wajjin wal qixxee ture. 25Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwan akkuma foddaawwan kaanii dhidhiphatan naannoo isaaniitii qabu ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture. 26Gulantaawwan gara karra sanaatti geessan torbatu ture; fuullee isaanii immoo gardaafoo isaatu ture; balballi sunis fuula utubaawwan sanaa irraa bitaa mirgaan faaya muka meexxiitiin hojjetame qaba ture. 27Oobdiin gara keessaas karra gara kibbaa ilaalu qaba ture; innis karra kana irraa kaasee hamma karra karaa kibbaa kan gara alaatiin jiruutti safare; safarri isaas dhundhuma dhibba tokko ture.Karrawwan Gara Oobdii Keessaatti Geessan
28Ergasiis inni karaa balbala kibbaatiin gara oobdii isa keessaatti na fide; innis karra kibbaa safare; safarri karra sanaas safara karrawwan kaaniitiin wal qixxee ture. 29Safarri manneen waardiyyaa kan utubaawwan isaatii fi kan gardaafoo isaa safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture. Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwaniin marfamanii turan. Innis dheerina dhundhuma shantamaa fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture. 30Gardaafoowwan karraa kanneen naannoo oobdii gara keessaa jiran lafa irra dheerinni isaanii dhundhuma digdamii shan, balʼinni isaanii immoo dhundhuma shan qaba ture. 31Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeewwan isaa muka meexxiitiin faayeffamanii turan; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan. 32Ergasii inni karaa baʼaatiin gara oobdii isa keessaatti na fide; innis balbala sana safare; safarri isaas safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture. 33Safarri manneen waardiyyaa, kan utubaawwan isaatii fi kan gardaafoo isaa safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture. Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwaniin marfamanii turan. Innis dheerina dhundhuma shantamaa fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture. 34Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeen isaa bitaa mirgaan muka meexxiitiin faayeffamee ture; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan. 35Ergasii inni gara karra kaabaatti na fide; isas ni safare. Safarri isaas safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture. 36Innis akkuma manneen waardiyyaa isaa, utubaawwan isaatii fi gardaafoo isaa foddaawwaniin marfamee ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture. 37Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeen isaa bitaa mirgaan muka meexxiitiin faayeffamee ture; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan.Dareewwan Aarsaan Itti Qopheeffamu
38Kutaan balballi isaa gara gardaafoo karra sanatti baʼu tokko jira ture; innis lafa aarsaan gubamu itti miicamu ture. 39Gardaafoo karraa keessa karaa bitaa fi mirgaatiin minjaalota lama kanneen aarsaan gubamu, aarsaan cubbuutii fi aarsaan yakkaa irratti qalamutu ture. 40Gardaafoo karraa kan gara alaa jiru cina, gulantaawwan balbalaa kanneen ittiin gara karra kaabaa seenan bira minjaalota lamatu ture; gulantaawwan sana irraa qixa kaaniin minjaalota lamatu ture. 41Kanaafuu karra sana irraa gara tokkoon minjaalota afur, gara kaaniin immoo minjaalota afur, walumatti minjaalota saddeeti kanneen aarsaan irratti qalamutu ture. 42Akkasumas minjaalota dhagaa soofame irraa aarsaa gubamuuf tolfaman afurtu ture; tokkoon tokkoon isaaniis dheerina dhundhuma tokkoo fi walakkaa, balʼina dhundhuma tokkoo fi walakkaatii fi ol dheerina dhundhuma tokkoo qabu ture. Isaan irras meeshaalee ittiin aarsaan gubamuu fi aarsaawwan biraa ittiin qalaman kaaʼamanii turan. 43Hokkoowwan gaanfa lama lama qaban kanneen tokkoon tokkoon isaanii dheerina barruu harkaa tokko qaban itti qabsiifamanii turan. Minjaalonni sunis kan foon aarsaawwaniitiif qopheeffaman turan.Dareewwan Lubootaaf Ramadaman
44Balbala isa keessaa duubaan oobdii isa keessaa keessa dareewwan lamatu ture; tokko karaa balbala kaabaa gara kibbaatti garagaleera; tokko immoo karaa balbala kibbaa gara kaabaatti garagaleera. 45Innis akkana naan jedhe; “Dareen gara kibbaatti garagalee jiru luboota warra mana qulqullummaa keessatti ramadamaniifii dha; 46kan gara kaabaatti garagalee jiru immoo luboota warra iddoo aarsaatti ramadamaniifii dha. Warri kunneen ilmaan Zaadoq; kanneen Lewwota keessaa gara Waaqayyootti dhiʼaatanii fuula isaa dura tajaajilan isaan qofa.” 47Achii immoo oobdii safare; innis roga afur kan wal qixxee taʼee dheerinni isaa dhundhuma dhibba tokko, balʼinni isaas dhundhuma dhibba tokkoo ti. Iddoon aarsaas fuula mana qulqullummaa dura ture.Mana Qulqullummaa
48Innis gara gardaafoo mana qulqullummaatti na fidee tuggeewwan gardaafoo sanaa safare; isaanis qixa lamaaniin dhundhuma shan shan babalʼatan ture. Balʼinni balbala isaa immoo dhundhuma kudha afur ture; keenyan isaas qixa lamaaniin dhundhuma sadii sadii babalʼata ture. 49Gardaafoon sun balʼinni isaa dhundhuma digdama, fuula isaa duraa hamma dugda duubaatti immoo dhundhuma kudha lama ture. Gulantaawwan gara mana qulqullummaatti geessan kudhanitu ture; qixa lamaaniinis tuggeewwan gurguddaan, tuggeewwan xixinnaa cina turan.
Copyright information for
GazHAHl