Ezra 7
Izraan Yerusaalem Dhufe
1Wantoota kanneen booddee bara Arxeksis mooticha Faares keessa Izraan ilmi Seraayaa, ilmi Azaariyaa ilmi Hilqiyaa, 2ilmi Shaluum, ilmi Zaadoq, ilmi Ahiixuub, 3ilmi Amariyaa, ilmi Azaariyaa, ilmi Meraayoot, 4ilmi Zeraayaa, ilmi Uzii, ilmi Bukii, 5ilmi Abiishuuwaa, ilmi Fiinehaas, ilmi Eleʼaazaar, ilmi Aroon lubicha ol aanaa 6Izraan kun Baabilonii dhufe. Innis barsiisaa Seera Musee kan Waaqayyo Waaqni Israaʼel kenne sana sirriitti beekuu dha. Sababii harki Waaqayyo Waaqa isaa isa irra tureef mootichi waan inni kadhate hunda ni kenneef. 7Akkasumas waggaa torbaffaa bara Arxeksis Mootichaa keessa Israaʼeloonni tokko tokko jechuunis luboonni, Lewwonni, faarfattoonni, eegdonni karraa fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa gara Yerusaalemitti ol baʼan. 8Izraanis waggaa torbaffaa bara mootii sanaa keessa jiʼa shanaffaatti Yerusaalem gaʼe. 9Innis bultii tokkoffaa jiʼa jalqabaatti karaa isaa Baabilonii jalqabee bultii tokkoffaa jiʼa shanaffaatti Yerusaalem gaʼe; harki Waaqa isaa tolaan sun isa irra tureetii. 10Izraan Seera Waaqayyoo quʼachuu fi eeguudhaaf akkasumas labsii fi ajaja seerichaa Israaʼel keessatti barsiisuudhaaf of kennee tureetii.Xalayaa Arxeksis Mootichi Izraatti Erge
11Kun garagalcha xalayaa Arxeksis Mootichi Izraa lubichaa fi barsiisaa, namicha waaʼee ajajaa fi labsiiwwan Waaqayyo Israaʼeliif kenne sanaa baratetti ergee ti: 12Arxeksis mootii moototaa irraa; Gara Izraa lubicha, barsiisaa Seera Waaqa samiitti: Nagaan siif haa taʼu. 13Ani amma akka namni Israaʼel kan mootummaa koo keessa jiraatu kam iyyuu luboonnii fi Lewwonni illee abbaan si wajjin Yerusaalem dhaquu barbaadu dhaquu dandaʼu labseera. 14Ati akka akkuma Seera Waaqa keetii kan harka kee jiru sanaatti waaʼee Yihuudaa fi Yerusaalem qorattuuf mootichaa fi gorsitoota isaa torbaan ergamteerta. 15Kana irrattis meetii fi warqee mootichii fi gorsitoonni isaa Waaqa Israaʼel kan Yerusaalem keessa jiraatuuf toluma kennan sana fuudhii deemi; 16waan kanas meetii fi warqee kutaa biyya Baabiloniitii walitti qabde hundaa fi kennaa sabnii fi luboonni mana qulqullummaa Waaqa isaanii kan Yerusaalem keessaaf fedhiidhaan kennan wajjin fuudhii dhaqi. 17Maallaqa kanaanis jiboota, korbeeyyii hoolaa fi xobbaallaa hoolaa, kennaa midhaanii fi dhibaayyuu isaanii wajjin bitaatii iddoo aarsaa mana qulqullummaa Waaqa keessanii kan Yerusaalem sana irratti dhiʼeessaa. 18Ergasii atii fi obboloonni kee Yihuudoonni meetii fi warqee hafe akkuma fedhii Waaqa keessaniitti waanuma gaarii isinitti fakkaate irra oolchaa. 19Miʼa waaqeffannaa mana qulqullummaa Waaqa keetii keessaaf imaanaa sitti kenname hunda Waaqa Yerusaalem duratti dhiʼeessi. 20Waan mana qulqullummaa Waaqa keetiif barbaadamu kan kennuu feetu hunda mankuusa mootii keessaa fuudhii kenni. 21Egaa ani Arxeksis Mootichi akka qabdoonni maallaqaa kanneen Gama Laga Efraaxiis jiran waan Izraan lubichi, barsiisaan Seera Waaqa samii kun isin gaafatu hunda arjummaadhaan isaaf kennan ajajeera; 22kunis hamma meetii taalaantii dhibba tokko, qamadii qoroosii ▼▼Qoroosiin tokko liitirii 220.
dhibba tokko, daadhii wayinii baadoosii ▼▼Baadoosiin tokko liitirii 22.
dhibba tokko, zayitii ejersaa baadoosii dhibba tokkoo fi soogidda hamma hin qabne haa taʼu. 23Wanni Waaqni samii ajaje kam iyyuu mana qulqullummaa Waaqa samiitiif of eeggannaadhaan haa godhamu. Maaliif dheekkamsi mootichaa fi ilmaan mootichaatti dhufa? 24Amma illee isin akka luboota, Lewwota, faarfattoota, eegdota karraa, tajaajiltoota mana qulqullummaa yookaan hojjettoota mana Waaqaa kana keessa hojjetan kamitti iyyuu gibira, qaraxaa fi ashuuraa murteessuuf aangoo hin qabne beekaa. 25Egaa Izraa, ati akkuma ogummaa Waaqa keetii kan harka kee jiru sanaatti akka isaan warra Gama Laga Efraaxiis jiraatan bulchaniif abbootii seeraa fi abbootii murtii kanneen hundi isaanii seera Waaqa keetii beekan muudi. Nama seera Waaqaa hin beekne kam iyyuus barsiisi. 26Namni seera Waaqa keetiitiif yookaan seera mootichaatiif hin ajajamne kam iyyuu dhugumaan ajjeechaadhaan, biyya keessaa ariʼamuudhaan, qabeenyi isaa irraa dhaalamuudhaan yookaan hidhaadhaan adabamuu qaba. 27 Waaqayyo Waaqni abbootii keenyaa kan akka inni karaa kanaan mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessa jiruuf ulfina kennuuf garaa mootichaa keessa yaada kana kaaʼe sun haa galateeffamu; 28Waaqa fuula mootichaa, fuula gorsitoota mootichaa fi fuula qondaaltota mootichaa ciccimoo hundaa duratti gaarummaa ofii isaa na argisiiseef galanni haa gaʼu. Sababii harki Waaqayyo Waaqa koo anarra tureef ani jajjabaadheen akka isaan na wajjin deemaniif Israaʼel keessaa namoota bebeekamoo walitti nan qabadhe.
Copyright information for
GazHAHl