‏ Ezra 8

Maqaa Abbootii Maatii Kanneen Izraa Waliin Deebiʼanii

1Warri kunneen hangafoota maatii fi warra isaan wajjin galmaaʼan kanneen bara mootummaa Arxeksis Mootichaa keessa na wajjin Baabilonii dhufanii dha:

2Sanyii Fiinehaas keessaa
Geershoom;
sanyii Iitaamaar keessaa
Daaniʼel;
sanyii Daawit keessaa
Haxuush
3sanyii Shekaaniyaa;
sanyii Phaarosh keessaa Zakkaariyaas;
warri isa wajjin galmeeffamanis namoota 150 turan;
4sanyii Fahat Moʼaab keessaa
Eliihooʼeenayi ilma Zaraayaa; warri isa wajjin turanis namoota 200 turan;
5sanyii Zaatuʼi keessaa Shekaaniyaa ilma Yahiziiʼeel;
warri isa wajjin turanis namoota 300 turan;
6sanyii Aadiin keessaa Ebeed ilma Yoonaataan;
warri isa wajjin turanis namoota 50 turan;
7sanyii Eelaam keessaa Yeshaayaa ilma Ataaliyaa;
warri isa wajjin turanis namoota 70 turan;
8sanyii Shefaaxiyaa keessa Zebaadiyaa ilma Miikaaʼel;
warri isa wajjin turanis namoota 80 turan;
9sanyii Yooʼaab keessaa Obaadiyaa ilma Yehiiʼeel;
warri isa wajjin turanis namoota 218 turan;
10sanyii Baanii keessaa Sheloomiit ilma Yoosifiyaa;
warri isa wajjin turanis namoota 160 turan;
11sanyii Beebay keessaa Zakkaariyaas ilma Beebay;
warri isa wajjin turanis namoota 28 turan;
12sanyii Azgaad keessaa Yoohaanaan ilma Haqaaxaan;
warri isa wajjin turanis namoota 110 turan;
13sanyii Adooniiqaam keessaa
warra gara dhumaa kanneen maqaan isaanii Eliiphelex, Yeʼiiʼeelii fi Shemaaʼiyaa jedhamuu dha; warri isaan wajjin turanis namoota 60 turan;
14sanyii Baguwaay keessaa
Uutaayii fi Zakuur; warri isaan wajjin turanis namoota 70 turan.

Gara Yerusaalemitti Deebiʼuu

15Anis laga gara Ahawaatti yaaʼu biratti walitti isaan nan qabe; nus guyyaa sadii achi turre. Anis yeroon uummataa fi luboota toʼadhetti Lewwota tokko illee isaan keessaa nan dhabe. 16Kanaafuu ani Eliiʼezer, Ariiʼeel, Shemaaʼiyaa, Elnaataan, Yaariib, Elnaataan, Naataan, Zakkaariyaasii fi Meshulaam warra hooggantoota turanii fi Yooyaariibii fi Elnaataan warra hayyoota taʼan sana nan waamsise; 17ergasiis gara Iddoo namicha Kaasiifiyaa bulchuutti isaan nan erge. Anis akka isaan namoota mana Waaqa keenyaa keessa tajaajilan nuuf fidaniif waan isaan Iddoo fi firoota isaa kanneen mana qulqullummaa Kaasifiyaa keessa tajaajilaniin jechuu qaban isaanitti nan hime. 18Isaanis sababii harki Waaqaa tolaan sun nurra tureef sanyii Mahilii keessaa Sheereebiyaa ilma Lewwii, ilma Israaʼel, namicha hubataa tokko ilmaan isaa fi obboloota isaa wajjin walumatti nama 18 nuuf fidan; 19akkasumas Hashabiyaa fi ilmaan Meraarii keessaa immoo Yeshaayaa, obboloota isaatii fi ilmaan obboloota isaa walumatti nama 20 nuuf fidan. 20Amma illee tajaajiltoota mana qulqullummaa kanneen Daawitii fi qondaaltonni isaa akka isaan Lewwota gargaaraniif ramadan keessaa nama 220 nuuf fidan. Isaan kunneen hundi maqaa maqaadhaan ni galmeeffaman.

21Anis akka nu, ijoolleen keenyaa fi qabeenyi keenya hundi karaa nagaa deemnuuf akka fuula Waaqa keenyaa duratti gad of qabnee kadhannuuf achuma Laga Ahawaa biratti sooman nan labse. 22Ani sababii nu, “Harki Waaqa keenyaa inni tolaan nama isa abdatu hunda irra jira; warra isa dhiisu hunda irra garuu dheekkamsi isaa ni buʼa” jennee mootichatti himnee turreef akka isaan karaa keenya irratti diinota nurraa dhowwaniif loltootaa fi abbootii fardaa mooticha kadhachuu nan qaanaʼe. 23Kanaafuu nu soomnee waan kana irratti Waaqa kadhanne; innis kadhaa keenyaaf deebii kenne.

24Anis luboota hangafoota keessaa kudha lama jechuunis Sheereebiyaa, Hashabiyaa fi obboloota isaanii keessaa nama kudhan kophaatti nan baase; 25anis kennaa meetii, warqee fi miʼaa kan mootichi, gorsitoonni isaa, qondaaltonni isaa fi Israaʼeloonni achi turan hundi mana Waaqa keenyaatiif kennan irraa madaalee isaaniif nan qoode. 26Ani meetii taalaantii
Taalaantiin tokko kiiloo giraamii 34.
650, miʼa meetii kana taalaantii 100 ulfaatu, warqee taalaantii 100,
27waciitii warqee 20 kan daariikii
Daariikiin tokko giraamii 8.
1,000 baasuu fi miʼa naasii cululuqaa akkuma warqee gatiin isaa guddaa taʼe lama madaaleen qoodeef.

28Anis akkanan isaaniin jedhe; “Isinii fi miʼi kun Waaqayyoof qulqulleeffamtaniirtu. Meetii fi warqeen kun kennaa fedhiidhaan Waaqayyo Waaqa abbootii keessaniitiif kennamanii dha. 29Hamma kutaalee mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessaa sana keessatti fuula luboota hangafootaa, fuula Lewwotaa fi hangafoota maatii Israaʼel duratti madaaltanii qooddanitti miʼa kana jabeessaa eegaa.” 30Kanaafuu luboonnii fi Lewwonni meetii, warqee fi miʼa qulqulluu madaalame sana mana Waaqa keenyaa kan Yerusaalem keessaatti geessuuf ni fuudhan.

31Nus bultii kudha lammaffaa jiʼa tokkoffaatti Yerusaalem dhaquudhaaf Laga Ahawaa biraa kaane. Harki Waaqa keenyaa nurra ture; innis diinotaa fi namoota riphanii karaa irratti nama eegatan jalaa nu baase. 32Akkasiinis Yerusaalem geenyee bultii sadii achi boqonne.

33Nus bultii afuraffaatti mana Waaqa keenyaa keessatti meetii, warqee fi miʼa qulqulluu sana madaallee harka Mereemooti lubicha ilma Uuriyaa sanaatti ni kennine. Eleʼaazaar ilmi Fiinehaas akkasumas Lewwonni jechuunis Yoozaabaad ilmi Yeeshuuʼaa fi Nooʼadiyaan ilmi Binuuyii isa wajjin turan. 34Wanni hundinuus lakkaaʼamee madaalame; ulfinni waan madaalame hundaas yeruma sana ni galmeeffame.

35Ergasiis boojiʼamtoonni boojuudhaa deebiʼan sun Israaʼel hundaaf jiboota kudha lama, korbeeyyii hoolaa sagaltamii jaʼaa fi xobbaallaa torbaatamii torban aarsaa gubamu, korbeeyyii reʼee kudha lama aarsaa cubbuu godhanii Waaqa Israaʼeliif dhiʼeessan; kun hundi aarsaa gubamu kan Waaqayyoof dhiʼeeffamee dha. 36Isaan ajaja mootichaa illee ajajjoota mootummaa fi bulchitoota Gama Laga Efraaxiisitti dabarsan. Jarris sabaa fi mana Waaqaa gargaaran.
Copyright information for GazHAHl