Galatians 5
Bilisummaa Kiristoosiin Argamu
1Akka bilisummaan jiraannuuf Kiristoos bilisa nu baase. Kanaafuu jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaatiin hin qabaminaa. 2Kunoo, dhagna yoo qabattan Kiristoos waan tokko akka isin hin fayyadne ani Phaawulos isinitti nan hima. 3Namni dhagna qabatu hundinuu akka guutummaatti seera eeguun dirqama isaa taʼe ani amma illee nan mirkaneessaaf. 4Isin warri seeraan qajeeltota taasifamuu barbaaddan Kiristoos irraa gargar baataniirtu; ayyaana irraas kuftaniirtu. 5Nu garuu qajeelummaa abdannu sana karaa Hafuuraatiin hawwiidhaan amantiin eegganna. 6Kiristoos Yesuusitti jiraannaan dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa tokko illee hin qabuutii. Wanni gatii qabu amantii jaalalaan of mulʼisu qofa. 7Isin fiigicha gaarii fiigaa turtan. Eenyutu gufuu isinitti taʼee dhugaadhaaf ajajamuu isin dhowwe ree? 8Sossobbiin akkasii isa isin waame sana biraa hin dhufu. 9“Raacitiin xinnoon bukoo guutuu ni bukeessa.” 10Ani akka isin yaada biraa hin qabaanne karaa Gooftaatiin isin amanadha. Abbaa fedhe illee taanaan namni isin jeequu murtii ni argata. 11Yaa obboloota, ani amma iyyuu yoon dhagna qabaa lallabaa jiraadhee ani amma iyyuu maaliifin ariʼatama ree? Yoo akkas taʼee immoo fannoon gufuu taʼuun isaa ni hafa ture! 12Warri isin jeeqan sun dhagna qabachuu qofa utuu hin taʼin utuu of irraa muranii iyyuu nan hawwa!Hafuuraan Jiraachuu
13Yaa obboloota ko, isin akka bilisa taataniif waamamtan. Jaalalaan wal tajaajilaa malee bilisummaa keessan fedhii foonii guutuuf hin oolchinaa. 14Seerri guutuun ajaja tokkicha, “Ollaa kee akka ofii keetiitti jaalladhu” ▼ jedhuun xumurameeraatii. 15Garuu isin yoo wal ciniinuu fi wal nyaachuutti fuftan akka wal hin balleessineef of eeggadhaa. 16Kanaafuu ani, “Hafuuraan jiraadhaa; yoos hawwii foonii hin guuttaniitii” jedha. 17Foon Hafuuraan ni mormaatii; Hafuurris fooniin ni morma. Isaan akka isin waan hojjechuu barbaaddan hin hojjenneef wal mormu. 18Isin garuu Hafuuraan yoo geggeeffamtan seera jala hin jirtan. 19Hojiiwwan fooniis beekamoo dha; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa fi jireenya gad dhiisii, 20waaqota tolfamoo waaqeffachuu, falfala hojjechuu, jibba, aarii, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, wal loluu, gargar baʼuu, 21weennoo, machii, addaggummaa fi kanneen kana fakkaatan. Ani akkuman kanaan dura godhe sana akka warri waan akkanaa hojjetan mootummaa Waaqaa hin dhaalle isinin akeekkachiisa. 22Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, 23garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru. 24Warri kan Kiristoos Yesuus taʼan immoo foon fedhii isaatii fi hawwii isaa wajjin fannisaniiru. 25Nu erga Hafuuraan jiraannee kottaa Hafuuraan haa deddeebinu. 26Kottaa of hin tuulluu; wal hin aarsinuu; walittis hin hinaafnuu.
Copyright information for
GazHAHl