Galatians 6
Nama Hundumaaf Waan Gaarii Gochuu
1Yaa obboloota, yoo namni tokko cubbuu keessa seene, isin warri hafuuraan jiraattan garraamummaan isa deebisuu qabdu. Garuu atis akka hin qoramneef of eeggadhu. 2Isin baʼaa walii baadhaa; akkasiin isin seera Kiristoos ni eegdu. 3Namni tokko utuu waan tokko iyyuu hin taʼin, waan waa tokko taʼe yoo of seʼe, inni of gowwoomsa. 4Tokkoon tokkoon namaa hojii mataa isaa haa qoru. Ergasiis utuu nama kaanitti of hin madaalin of qofa jajuu ni dandaʼa; 5tokkoon tokkoon namaa baʼaa ofii isaa baadhachuu qabaatii. 6Namni dubbicha baratu kam iyyuu waan gaarii hundumaa barsiisaa isaa wajjin haa qoodatu. 7Hin gowwoominaa; Waaqaatti qoosuun hin dandaʼamu. Namni waanuma facaafate haammataatii. 8Namni foonitti facaasu foon irraa badiisa galfata; namni Hafuuratti facaasu immoo Hafuura irraa jireenya bara baraa haammata. 9Kottaa waan gaarii hojjechuu hin dadhabnu; yoo abdii kutachuu baanne gaafa yeroon isaa gaʼe midhaan isaa ni haammannaatii. 10Kanaaf kottaa, carraa qabnuun nama hundaaf, keessumattuu warra maatii amantootaa taʼaniif waan gaarii goonaa.Uumama Haaraa Taʼuu
11Akka ani harkuma kootiin qubee gurguddaa hammam gaʼuun isinii barreesse mee ilaalaa! 12Warri fooniin gaarii taʼanii mulʼachuu barbaadan akka isin dhagna qabattan isin dirqisiisuu yaalu. Isaanis fannoo Kiristoosiif jedhanii akka hin ariʼatamne qofaaf waan kana godhu. 13Warri dhagna qabatan mataan isaanii iyyuu seera hin eegan; taʼus isaan dhagna qabaa keessan kan fooniitiin boonuuf jedhanii akka isin dhagna qabattan barbaadu. 14Fannoo Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos kan ittiin addunyaan naaf fannifame, kan anis ittiin addunyaaf fannifame sana malee waan biraatiin of jajuun narraa haa fagaatu. 15Uumama haaraa taʼuutu faayidaa qaba malee dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa hin qabu. 16Nagaa fi araarri warra seera kana duukaa buʼan hundaaf, Israaʼel Waaqaatiifis haa taʼu. 17Ani dhagna koo irraa godaannisa Yesuus qabaatii siʼachi namni tokko iyyuu na hin rakkisin. 18Yaa obboloota, ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu. Ameen.
Copyright information for
GazHAHl