Genesis 18:10
10Isaan keessaa tokko, “Ani dhugumaan bara dhufu keessa yeroo akkanaatti deebiʼee gara kee nan dhufa; niitiin kee Saaraanis ilma ni deessi” jedhe. Yeroo sana Saaraan balbala dunkaanaa kan isa duubaan jiru keessaan dhaggeeffachaa turte.