Genesis 25:12-16
Ilmaan Ishmaaʼeel
25:12‑16 kwf – 1Sn 1:29‑31
12Seenaan maatii Ishmaaʼeel ilma Abrahaam kan Aggaar garbittiin Saaraa intalli biyya Gibxi sun Abrahaamiif deesse sanaa kana. 13Maqaan ilmaan Ishmaaʼeel kan akkuma dhaloota isaaniitti tartiibaan barreeffame kana: Nabaayooti ilma Ishmaaʼeel hangafticha,Qeedaar, Adbiʼeel, Mibsaami,
14Mishmaa, Duumaa, Maasaa,
15Hadaad, Teemaa, Yexuur,
Naafiishii fi Qeedmaa.
16Jarri kunneen ilmaan Ishmaaʼeel; maqaawwan kunneenis akkuma gandootaa fi iddoo qubata isaaniitti maqaawwan bulchitoota gosoota kudha lamaanii ti.
Copyright information for
GazHAHl